ODUUSIYAASA

Oduu: Namoonni naannawa Alamaaxaatii buqqa’ani 50,000 darbuun ibsame

Finfinnee, Ebla 23, 2024 – Walitti bu’iinsa naannoo Raayyaa Alamaaxaatti tibbana mudate hordofuun namoonni qe’eesaanirraa buqqaafaman 50,000 darbuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa(OCHA) beeksise.

Dhaabbatichi ibsa baaseen, buqaatonni godinoota lama keessaa buqqa’an kan magaala Qobbootti dheessanii argama 42,000 gahuu ibsuun kanneen biroo 8,300 ta’an magaala Saqooxaatti dheessanii argamu jedheera.

Akka ibsa OCHA’tti, namoonni buqqa’anii magaala Qobboo kessatti argaman kunneen manneen jiraattota magaalattiitti dheessanii kan argaman yoo ta’ukanneen biroo iddoo magaalattiirraa 3KM fagaatu kan Gaariyaa leencoo jedhamutti argamu jedheera.

Waqxiin rooba Gannaa dhiyaachuu hordofee namoonni kunneen rakoo garagaaraatiif saaxilamuueerameera. Baqattoota kanneen gara iddoo boqonnaa biraatti dabarsuuf hojjachaa jiraachuu dhabbatichi ibseera.

Haa ta’u malee, Bitootessa 14, 2016 ALI irraa kaasee haalli nageenya Qobboofi Alamaaxaa fooyya’uu horodfee tajaajilli baankiifi geejjibaa eegaluu OCHA’n ibseera.

Daandiin Waldiyaa gara Saqooxaa geessu sababa rakkoo nageenyaatiin sodaachisaa ta’uu dabalee ibseera.

Haalli naannichatti mul’atu ulfaataa ta’uu qonsiloonniifi qaamoleen garaagaraa ibsa baasanii ture. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button