ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Galaanni Diimaa fi lagni Abbayyaa dhimmoota ijoo guddina fi badiisa Itoophiyaa murteessaniidha: MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkoloolessa 14/2023 – Ministritti Mummee Abiy Ahimad, Itoophiyaan karra galaanaa ishee barbaachisaa, dhimma Galaana Diimaa irrattis mari’achuun ishee barbaachisa jedhan. MM Abiy kana kan jedhan marii tibbana miseensota mana maree bakka bu’oota uummataa waliin taasisanii fi mata duree “Ilaacha waliigalaa abbummaa karra galaanaa” jedhu irratti haasawaa daqiiqaa 45 dheeratu miidiyaalee mootummaa irratti tamsa’eeni.

Minitirtti Mummee Abiy Ahmad dhimma kana irratti haasawaa taasisaniin uummatni Itoophiyaa bara 2030tti miiliyoona 150 akka gahu eeruun, “uummatni kun teessuma lafaarratti qofa hirkachuu hin qabu. Sababni isaas hiyyummaan jira, yoo nuti barbaannees barbaachu baannees dho’uun isaa hin hafu. Uummatni akka hin bittinnoofneef adeemsa balbala galaanaa argachuun danda’amu irratti mari’achuu fi fala barbaachuun ni barbaachisa,” jedhan.

“Galaana Diimaa fi lagni Abbayyaa Itoophiyaaf dhimmoota murteessoodha. Wantoota ijoo guddina yookiin badiisa Itoophiyaa murteessaniidha.” 

Mummichi Ministiraa dhimmoota nagaa Gaanfa Afrikaaf “murteessoo” jedhan yeroo tarreessan sadarkaa jalqabaa irratti kan kaa’an Galaana Diimaati. “Dhimmi Galaana Diimaa marii bal’aa barbaada” kan jedhan MM Abiy, Masrii fi Sudaan lagni Abbayyaa dhimma jiraachuu keenyaati yoo jedhan Itoophiyaanis Galaanni Diimaan dhimma jiraachuu kooti jechuuf mirga qabdi jechuun ibsan. Kana malees, “Galaana Diimaa fi lagni Abbayyaa Itoophiyaaf dhimmoota murteessoodha. Wantoota ijoo guddina yookiin badiisa Itoophiyaa murteessaniidha,” jedhan.

“Dhimma faayidaa isaarratti akkuma Hidha Haaromsaa irratti mari’annuutti marii taasisu dandeenya. Marii jechuun akka hin fayyadamne jechuu waan hin taaneef rakkoo hin qabu. Itoophiyaan seenaa, teessuma lafaa, diinagdee fi sanyiidhaan gaaffii seera qabeessa qabdi jedhamee waliigaltee chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti galmaa’e jira. Waliigaltee kana qorachuun barbaachisa.”

Gara Galaana Diimaatti yeroo dhiyaannu guddaa turre jechuun seenaa wabeeffachuun yeroo dubbatan kan dhagahaman MM Abiy, adeemsa yeroo keessaa fagaachuun keenya Galaana Diimaas guddummaa keenyaas nu dhabsiiseera jedhan. “Uummata miiliyoona 120 waan taaneef, waraana guddaa waan qabnuuf, ykn gaaffii jabaa waan qabnuuf humnaan deemu hin ta’u. Garuu waraanaan akka hin taane jedhamee dhugaa jiru dhoksuu sirrii miti,” jedhan.

MM Abiy Ahimad haasaa isaanii keessatti Itoophiyaan buufata doonii ykn karra galaanaa argachuuf biyyoota ollaa isheef Hidha Haaromsaa yookaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa irraa gahee akka qabaatan taasisu akka dandeessu himaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Kana milkeessuudhaafis filannoowwan jiran wayita ibsan dhimma federeeshinii fi konfedereeshinii kaasaniiru. Seera konfedereeshinii yeroo darbe Itoophiyaa fi Eertiraa walitti buuse amma ilaalamu qaba jedhan. Filannoo dhiyaate kan biraan ammoo wal jijjiirraa lafaati. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button