DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Magaala Gaambeellaatti poolisiin tokko rasaasaan rukutamuu hordofee muddamni dabale

Finfinnee, Bitootessa 2024 – Magaala guddoo Naannoo Gaambeellaa, Gaambeellaa, keessatti guyyaa Wixataa poolisiin tiraafikaa tokko rasaasaan rukutamuu hordofee naannichatti muudamni dabalaa dhufuu jiraattonni himan.

Poolisichi rasaasaan mormarra rukutamuu eeruun haala lubbuusaaf yaaddeessaa keessa jiraachuu himameera.

Haleellaa hidahttootaan raawwatame kana hordofee tajaajjilli hawaasaa akka Baankii, geejjibaafi kannneen biroo addaan citee turuu jiraattonni magaalattii Addis Standard’tti himaniiru.

Jiraataa naannichaa eenyummaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard’tti akka himetti, taateen kuni guyyaa kaleessaa naannoo sa’aatii 4:20 poolisiin tiraafikaa maqaansaa Chuul Gatkuut  jedhamu hojiirra osoo jiruu Hoteela gaambeellaa biratti rasaasaan rukutamuu hima.

Namichi Chukooliin ganama har’aa hospitaalatti daawwachuu himu kuni akka jedhetti, Chukool morma keessa rasaasaan rukutamuu eeruun haala lubbusaatiif yaaddeessaa ta’e keessa jiraachuu ibseera.

Jiraataan biraa Addis Standard dubbise akka jedhetti, yaalii ajjeechaa kana hordofuun magaalattii keessatti muuddamni dabalaa jiraachuu himeera. Haleellaa kana kan raawwatan “hidhattoota Anyuwaak” ta’u maluu shakkiin jedhu jiraachuus ibseera.

Haleellaa mudate hordofuun magaalattii keessatti tajaajilli hawaasaa akka baankii, manneen barnootaa, geejjibaafi kanneen biroo addaan cituu jiraaatichi addeeseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Haleellaa naannoo Gaambeellaa aanaa addaa Itaang jedhamtu keessatti Caamsaa bara darbe gaggeefame kan ubbuun namoota 17 galaafate hordofee haalli nageenyaa naannicha keessa jiru sodaachisaa dhufeera.

Haleellaa awutoobisii lamarratti Adooleessa 2023 keessa hidhattootaan raawwatame hordofee namoonni sadii ajjeefamuufi 23 madaa’uu Addis Standrd gabaasee ture.

Akkasumas, haleellaa Guraadhala 2024 keessa naannichatti mudateen namoonni lama ajjeefamuu Addis Standard gabaaseera.

Bitooteessa 2023 asitti haaleellaawwan garaagara raawwatamaniin lubbuun namoota 138 darbuufi 113 madaa’uu Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa gabaaseera. AS

Related Articles

Back to top button