DHIMMA HAWAASAAODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Haleellaan saaybarii hedduun yaalamuu Baankiin Daldala Itoophiyaa beeksise

Finfinnee, Bitootessa 19/2024 – Yaaliiwwan haleellaa saaybarii hedduu irratti gaggeeffamuu Baankiin Daldala Itoophiyaa beeksise.

Baankiin Daldala Itoophiyaa haleellaawwaan saaybarii hedduu baankicharratti gaggeeffamaa turuu eeruun “siistamii cimaa baankichi ijaareen” ofirraa qolachuu danda’uu pireezidaantin baankichaa Abbee Saanoo himaniiru.

Rakkoon siistamii baankicha mudate tajaajila baankii moobaayilaafi CBE Birr tibbana foyyeeffameen walqabatee kan mudate ta’uu himuun rakkoon siistamii kuni hattootaaf karaa banuu himaniiru.

Rakkoo siistamii baankicha mudateen alatti haleellaa saaybarii kan hin gaggeeffamin ta’uu baankichi ibsa baaseen addeesseera.

Qabeenya baankichi qabuun wal bira qabamee yoo ilaalamu rakkoon baankicha mudate gadiaanaa ta’uu pireezidaantichi dubbataniiru. Rakkkoon uumame kuni baankicharratti dhiibbaa guddaa kan hin uumne ta’uu eereera.

Rakkoon kuni dabtara maallaqa maamiltootarratti dhiibbaan inni uume kan hin jirre ta’uu eeruun maamiltooonni yaaddoo keessa akka hin galle dhaamaniiru.

“Barattoonni bioru biyya bulchu jennee abadannu yakka kana keessatti gahee olaanaa taphacchuun baay’ee gaddisiisaa” ta’uu eerameera. Baankichi maaallaqa barattoonni kunneen fudhatan deebisiisaa jiraachuu dabalee addeesseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Rakkoo siistamii mudateen walqabatee Baankiin Daldala Itoophiyaa tajaajila addaan kutuun ni yaadatama.

Rakkoon mudate jijjiirama siistamii tajaajila baankii moobaayilaafi CBE Birr kan walqabattu ta’uu eerameera. Ka’umsa rakkooo mudatee kana adda baasuuf qorachaa jiraachuu dabalataan ibseera.

“Siistamiin baankichaa amansiisaadha” jechuun maamiltoota shakkii keessa akka hin galle dhaamaniiru. AS

Related Articles

Back to top button