ODUUSIYAASA

Oduu: Gamtaan Gareewwan Abukaatoo fi Mirga Namoomaa Oromoo ajjeechaan Battee Urgeessaa akka qoratamu gaafatee

Finfinnee, Ebla 23, 2024 – Gamtaan Gareewwan Abukaatoo fi Mirga Namoomaa Oromoo ajjeechaa “nama sagalee Oromoo ta’e” Jaal Battee Urgeessaarratti raawwatame isa gaddisiisuu ibse.

Ajjechaan jumlaa rogeessa siyaasa Oromoo Battee Urgeessaa hamilee namoota mirga namoomaatiif karaa nagaatiin falmanii kan cabsee ta’uu gamtichi ibseera.

Batteen nama dhimma Oromootiif waltajjiiwwan garaagaraarratti karaa nagaatiin dubbachaafi falmaa tureedha jedheera.

Namni kunneen “humnoota mootummaatiin” hoteela itti boqotee fudhatamee ajjeefamuunsaa gaddisiisaa ta’uu eereera. Nama kabajamaa kana haala kabaja hin qabnee ajjeesanii bakkeetti gatamuun kabaja nama kanaaf maluu miti jedheera.

Akka ibsa garichaatti, ajjeechaan Battee Urgeessaafi gochaawwan yakka kana dhoksuuf raawwataman akka agarsiisaaniitii mootummaan mirga lammiilee nagaa tiksuuf fedhiim qabu gadiaanaa ta’uu agarsiisa. Rogeeyyiifi falmitoota irga namoomaa ajjeesuun sodaafi garajabina agarsiisa.

Sodaachisuu, jumlaan hidhuu, humnaan waraanatti erguufi biyyaa dhabamsiisuun cunqursaan hammaachuu agarsiisa jedha ibsi kuni. 

Ajjeechaa Battee Urgeessaa sakatta’uun haqaaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu eerameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Mootummaan Itoophiyaafi maamiloonni isaa haleellaa gara jabinaa naannoo Oromiyaa keessatti raawwatamu akka qorataniifi yakkamtoota seeratti akka dhiyeessan gaafatameera. AS

Related Articles

Back to top button