ODUUSIYAASA

Oduu: Ministeerri Ittisaa bulchitoonni sadarkaa gadii nagaa mirkaneessuu dhabuun isaanii RIB “hojii xixiqqaaf” akka bobba’uu dirqisiise jedhe

Finfinnee, Sadaasa 16/2023 – Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Dr. Abrahaam Balaay ibsa miseensota mana mareetiif kennaniin, bulchiinsota godinaalee, aanaalee fi gandoota dabalatee kutaaleen bulchiinsaa sadarkaa gadii jiran sirnaan nagaa mirkaneessuu dhabuun isaanii waraanni federaalaa “dhimma xixiqqaaf qe’ee fi gandoota hunda keessatti” akka bobba’u taasisaa jira jedhan.

Dr. Abrahaam kana kan dubbatan miseensota Koree Dhaabbii Dhimma Hariiroo Alaa fi Nagaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gabaasa kurmaana tokkoffaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa bara bajataa kana gamaaggamuuf taa’ee irrattidha.

Ministirri kun ergamni Raayyaa Ittisa Biyyaa “daangaa biyyattii” eeguuf kan kaayyeffate ta’uu ibsuun, “rakkoon nageenyaa naannoo hunda keessatti mul’atu hooggansa sadarkaa sadarkaan jiruun furmaata argachuu qaba” jedhan.

Dabalataanis, ministirri kun “waraanni kabaja daangaa biyyattiif aarsaa guddaa kaffalaa jiraatus…duulli maqaa balleessii guddaan humnoota finxaaleeyyii [isa] irratti banameera,” jechuun komataniiru. Namni waraana biyyattii arrabsuu fi maqaa balleessu kamuu itti gaafatamuu akka qabus akeekkachiisaniiru.

Dura taa’aan koree dhaabbii Dr. Diimaa Naga’oo gama isaaniitiin raayyaan ittisa biyyaa “rakkina xixiqqoodhaan akka hin qabamne” hoggansi siyaasaa biyyattii rakkoo siyaasaa furuu akka qabu akeekkachiisaniiru.

Itoophiyaan “ergama nagaa eegsisuu keessatti gahee fi seenaan qabdu cimuu qaba” akkasumas ministeerri ittisaa adeemsa qacarrii fi bobbaa miseensota waraanaa irratti “iftoomina mirkaneessuuf hojjechuu akka qabu” Dr Diimaa cimsanii dubbataniiru.

Haala nageenyaa yeroo ammaa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa, bakka waraanni hidhattoota Faannoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin gaggeeffamaa jirutti jiru akka ibsan koree dhaabbii kanaan kan gaafataman Ministirri Ittisaa, “rakkoon nageenyaa naannolee lamaan keessa jiru fooyya’insi agarsiisaa jiraachuu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu” ibsan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Yeroo ammaan kana mariin nagaa marsaa lammaffaa mootummaa federaalaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti Taanzaaniyaa, magaalaa Daar es Salaam keessatti adeemsifamaa kan jiru ta’us, miidiyaaleen mootummaa waliin hidhata qaban dhuma torbee darbee lixaa fi kibba Oromiyaa keessatti waldhabdee waraanaa hidhattoota WBO waliin gaggeeffamaa turuu gabaasaniiru. AS

Related Articles

Back to top button