ODUUSIYAASA

Oduu: Komishinarri Haaromsa Biyyaaleessaa 'sababa dhuunfaatiin' aangoo gadhiisan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2024 – Komishinarri komishinara Haaromsa Biyyaaleessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaa, kan Amajjii 2023 irraa eegalee itti gaafatamummaa fudhatanii hojjechaa turan, ‘sababa dhuunfaatiin’ aangoo isaanii gadhiisaniiru.

Akka ibsi komishinarichi baase agarsiisutti, Ambaasaaddar Tashoomaan erga “iyyannoon aangoo gadhiisuuf dhiyeessan mootummaa biratti fudhatama argatee” Bitootessa 13, 2024 irraa kaasee itti gaafatamummaa isaanii gadhiisaniiru.

Bakka isaanis Komishinara itti aanaa komishinii Invastimantii Itoophiyaa fi gorsaa imaammata dhimma alaa MM Abiy duraanii Obbo Tamasgeen Xilaahun bakka buufamaniiru.

Akkasumas, komishinichatti komishinara itti aanaa loojistikii fi bulchiinsaa kan ta’an Obbo Atinkuut Mazgabee (PhD) Bitootessa 21, 2024 kaasee Obbo Tasfaalam Yihedagootiin bakka buufamuu isaanis ibsameera.

Haata’u malee, sababa obbo Atinkuut aangoorraa kaafaman ilaalchisee komishinichi waan ibse hin jiru.

Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa Sadaasa 2022 keessa waggoota lamaaf adeemsa loltoota duraanii 300,000 ol hidhannoo hiikkachiisuu fi deebisanii uummatatti makuu akka gargaaruuf ture kan hundeeffame. Haa ta’u malee, rakkoon maallaqaa komishincihi isa mudateen kaayyoo isaa milkaa’inaan hin raawwanne.

Jalqaba baatii kana keessatti Gamtaan Awurooppaa hojii loltoota duraanii 370,000 ol naannolee saddeet keessatti argaman hidhannoo hiikkachiisuu fi hawaasatti makuu deeggaruuf maallaqa Yuuroo miliyoona 16 komishinichaaf kennuuf waliigaluu isaa ni yaadatama.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Hojii komishinichaa akka to’atuuf boordiin haaraa hundeeffamuu ibsi kaleessa bahe ifoomseera. Boordiin kun Ministira Haqaa Geediyoon Xiimootewoosin (PhD) kan hogganamuu fi aanga’oota biroo shan of keessaa kan qabuudha. AS

Related Articles

Back to top button