DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Namoonni 280 ol Naannoo Amaaraatti to’annoo hidhattoota Faannoo jala turan birrii miiliyoona jahaan gadhiifaman

Finfinnee, Bitootessa 23/2024 – Namoonni naannawaa hidhaa haaromsaatti hojii bosona ciruuf naannoo Kibba Itoophiyaa godina Gaardullaa irraa gara naannoo Beenishaangul Gumuuzitti imalaa turan guyyoota 25 dura humnoota Faannootiin Goojjam Bahaatti to’annaa jala oolfaman birrii miiliyoona ja’a kaffaluun kaleessa gadhiifamuu isaanii dhaabbanni ijaarsaa Niikootikaa beeksise.

Namootni 280 ol ta’an kunneen naannawa hidha haaromsaatti haroo namtolchaa diriiruuf bosona ciruun bakka mijeessuuf dhaabbata ijaarsaafi daldalaa Niikootikaa jedhamuun karaa seeraatiin kan qacaraman yoo ta’u, hojii kanaaf godina Gaardullaa aanalee Daraashee fi Alee irraa ka’uun imalaa osoo jiranii Guraandhala 26, 2024 hidhattootaan qabamanii turan.  

Namoonni kunneen to’annaa jala oolfamuu isaanii hordofee bulchiinsi mootummaa godina Gaardullaa ibsa baaseen, namoonni kunneen hojjattoota humnaa ta’uu eeruun namoonni kunneen akka lammii biyya kanaatti socho’anii hojjachuuf kan bobba’an malee “kaayyoo adda ta’e biraa homaayyuu kan hin qabne” ta’uu ibseera.

Haa ta’u malee, gareen hidhattoota “Faannoo” gama isaatiin, namoonni kunneen humnoota mootummaan lolaaf bobbaafamaniifi kan lola keessatti booji’aman ta’uu ibse ture. 

Ergasii isaan gadhiisisuuf yaalii godhameen qarshiin gaafatame erga kaffalame booda guyyaa kaleessa Bitootessa 22, 2024 gadhiifamuu isaanii dhaabbata Nitoonikaatti hogganaa pirojeektii kan ta’an Obbo Muluugeetaa Allanee VOA’tti himaniiru.

Namoota ukkaamfaman kanneen gadhiisiisuuf kanaan dura birrii miiliyoona afur kaffaluu kan himan Muluugeetaan, “amma immoo birrii miiliyoona lama dabalataan kaffallee gadhiifamaniiru” jedhan. 

Goojjamitti dubbii himaa garee hidhattoota ‘Faannoo’ ta’uu isaanii kan himan Maarisheet Tsahaay gama isaaniin VOA’tti yaada kennaniin, namoota to’annaa isaanii jala turan gadhiisuuf “maallaqa fudhanne hin qabnu” jedhaniiru. Namoonni gadhiifaman kunneen gara godina irraa dhufan Gaardullaatti deebi’us jedhaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button