ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Komishiniin Mirgoota Namoomaa gabaasa isaatin 'sarbiinsa mirga namoomaa bal'aa' waggoota shanan keessa raawwataman ifa godhe

Finfinnee, Bitootessa 23/2024 – Komishiniin Mirga Namomaa Itoophiyaa (KMNI) bara 2018 hanga 2023 keessa sarbiinsi mirga namoomaa bal’aa uummata biyyattii baay’ee irratti miidhaa guddaa geessise raawwatamuu ibsee.

Sarbiinsa mirga namoomaa bara 2018 hanga 2023 raawwataman ilaalchisee gabaasni komishinichi baase akka mul’isutti, naannolee afur (Oromiyaa, Amaaraa, Somaalee fi naannoo Sabaaf Sablammootaa fi Uummattoota Kibbaa duraanii) keessatti mirgi namoota dhuunfaa sarbamuu ibseera. Gochaa akka hidhaa jumlaa, mirga wabii dhorkachuu, ajaja mana murtii kabajuu dhabuufi miidhaan saalaa shakkamtoota irratti raawwatameera jedhe.

Waraanni naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru “sarbiinsa mirga namoomaa ulfaataa” geessisuu gabaasichi addeesseera. Dhiittaan mirga namoomaa akkasii kuni hawaasa bal’aa miidhaa jiraachuu gabaasichi eereera.

Milishaa, bulchiinsa gandaa, poolisoota, miseensota raayyaa ittisaafi aanga’oonni mootummaa gochaa kana keessaa gahee qabu jedheera.

Waraanni naannoo Tigraayitti eegaluun gara naannoolee Affaariifi Amaaraatti babal’atee ture sarbiinsa mirga namoomaaf sababii biraa ta’uu eerameera.

Falmii aangoo, waldhabdee amantaafi  eenyummaa, waldhabdee daangaafi ajjeechaa siyaasaatiin walqabtee sarbiinsi mirgaa mudachuu gabaasichi eereera. 

Ajjeechaa artiistii Oromoo beekamaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee naannoo Oromiyaa keessatti bara 2019 keessa sarbiinsi mirga namoomaa hedduu raawwatamuu gabaasichi yaadachiiseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Kana malees, humnoonni falmii hidhanoo gaggeessaa jiran garaagaraa yakkoota akka lammiilee nagaa ajjeesuufi miidhuu, buttaa, qabeenya barbadeessuufi qe’eerraa buqqisuu raawwachuu eereera.

Akkasumas, lola humnoota mootummaafi garee hidhattootaa gidduutti gaggeeffamuun walqabatee miidhaan gahaa jira jedheera.

Sababiin sarbiinsa mirga namoomaa naannoo Somaalee keessatti mudatee falmii aangoofi dorgommii qabeenya uumamaa dhuunfachuuf godhamuudha jedhe. Kanaan walqabatee, waldhabdeen naanolee Affaariifi Oromiyaa waliin uumamuu eereera.

Waldhabdeen Affaariifi Somaalee gidduutti kan gandoota Adaaytuu, Undufoofi Gadaamaaytuu keessatti mudate lubbuun namaa darbuu, buqqa’uufi qabeenyi barbadaa’uuf sababa ta’eera.

Sarbiinsi mirga namoomaa akka dhaabbatuufi mirgaafi kabaja namoomaa tiksuuf akka hojjatan mootummaa federaalaafi naannolee komishinarri komishichaa Daani’eel Baqqalaa (PhD) gaafateera.

“Mootummaan federaalaafi naannoo dhimma srbiinsa mirga namoomaa qorachuun, ka’umsa isaatiif furmaata barbaaduun qaamota yakka kana duuba jiran irratti itti gaafatamummaa seeraa mirkaneessuun, miidhamtootaaf beenyaan sirrii kennamuu qaba,” Daani’eelitu jedhe. AS

Related Articles

Back to top button