ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Walitti bu’iinsi Godina Addaa Saba Oromoo fi Shawaa Kaabaatti mudate itti fufuun lubbuu namoota dabalataa galaafate 

Finfinnee, Bitootessa 23/2024 – Walitti bu’iinsa guyyoota darbaniif Godina Addaa Saba Oromoo aanaa Jiillee Dhummuugaatti lubbuu namootaa dabalatee qabeenya irratti miidhaa ulfaataa geessise gara aanaalee godina Shawaa Kaabaatti babal’achuun lubbuu namoota dabalataa galaafachuu jiraattoonni Addis Standard’tti himan. 

Akka jiraattonni jedhanitti, godina Shawaa Kaabaa magaalaa Axaayyeetti haleellaa hidhattoonni Bitootessa 21, 2024 raawwataniin yoo xinnaate namoonni saddeet ajjeefamanii, kanneen 20 ol ta’an ammoo madaa’aniiru. 

Jiraataan magaalaa Sambatee maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko, haleellaa hidhattoonni Bitootessa 21 guyyaa keessa naannoo 4:30 hanga 6:00tti magaalaa Axaayyee keessatti raawwataniin miseensi maatiisaa Aliyyii Adam jedhamu dabalatee namoonni saddeet ajjeefamuu Addis Standarditti hime.

“Aliyyiin rasaasaan rukutamee miidhaan irra gahee wayita mana yaalaa gahutti sababa dhiigni isaa baay’ee dhangala’eef lubbuun isaa dabarte.”

Qaamolee haleellaa kana raawwatan hidhattoota Faannoo ta’uu kan ibse namni Addis Standard dubbise kun, haleellaan magaalaa Axaayyeetti raawwatame kun haleellaa guyyoota kurnan darbaniif aanaa Jiillee Dhummuugaatti lubbuu jiraattota 20 ol galaafate waliin hidhata kan qabu ta’uu himeera. 

Jiraataan magaalaa Axaayyee kan biraa taatee tibbanaa ilaalchisee yaada Addis Standard’tti laateen, haleellaa guyyaa san raawwatameen yoo xinnaate lubbuu namoota saddeet darbuu eeruun, haleellichaaf qaamolee “Shanee” jedhee ibse gaafatama godheera. 

Haleellicha kan raawwatan, “hidhattoota naannoo biraarra dhufan, shaneedha” jechuun hime. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Yeroo ammaa kana lolli magaalittii keessatti adeemaa ture tasgabbaa’uus, manneen barnootaa fi waajjiraalee tajaajila kennan akkasumas sochiin geejjibaa addaan cituu hime. 

Aanaa Jiillee Dhummuugaatti haleellaa hidhattoonni Faannoo fi humnoota uffata poolisii naannoo Amaaraa uffatan Bitootessa 09 eegalee guyyoota kurnan itti aananiif raawwataniin jiraattota ajjeefaman alatti kanneen miidhaan qaamaa irra gahe wal’aansaaf gara Sambatee fi Adaamaa geeffamuu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama. 

Ogeettii fayyaa buufata fayyaa magaalaa Sambatee hojjettu tokko Addis Standard’tti akka himtetti, kanneen haleellaa kanaan miidhaman buufataa fayyaa magaalaa Sambateetti wal’aansa argachaa jiru. 

“Miidhamtoota qaamni isaanii baay’ee miidhame ammoo gara Adaamaatti erginee wal’aansa argachaa jiru,” jette. AS

Related Articles

Back to top button