DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Keeniyaa, bulchiinsa Moyyaleetti lammiileen Itoophiyaa shan ‘seeraan ala albuuda baasaa turan' to’annoo jala oolan

Finfinnee, Bitootessa 25/2024 – Kaaba Keeniyaa bulchiinsa Marsabiit, kutaa bulchiinsa Moyyalee keessa lammiileen Itoophiyaa shan bakka albuuda torban lama dura cufametti ‘seeraan ala’ albuuda baasaa turan to’annoo jala oolfamuu isaanii miidiyaaleen Keeniyaa gabaasaniiru. 

Bakka albuudni itti baafamu Dabeelitti waldhabdee boolla albuuda baasuu keessatti dhalateen lubbuun namoota torba darbuu hordofee mootummaan Keeniyaa iddichi akka cufamuufi sochiin albuuda baasuu akka dhaabbatu labsii baasee ture.

Miidiyaan ‘The Star’ akka gabaasetti, dubartoota lama dabalatee kanneen amma to’annoo jala oolan hundi isaanii lammiilee Itoophiyaadha. 

Lammiileen Itoophiyaa Dilbata galgala to’ataman kunneen qajeelfama mootummaa cabsuu, seeraan alaa albuuda baasuu fi seeraan ala Keeniyaa keessa argamuun shakkamanii yeroo ammaa kana buufata poolisii Moyyaleetti akka argaman ibsameera. 

Poolisiin akka jedhetti jenereetaroota afur, grinder, maashinii qonnaa lama, funyoo, baaldii fi meeshaalee qonnaa biroos argachuu isaa ibseera.

Torban darbe keessattis, bulchiinsa Isi’ooloo jedhamutti namootni seeraan alaa albuuda baasaa turan shan to’annoo jala ooluu kan yaadachiise gabaasichi, meeshaa waraalaa AK47 fi rasaasa shan waliin gareen poolisii bakka sanitti bobbaafameen to’annoo jala ooluu ibseera.   

Kunis waldhabdee albuuda baasuun walqabatee lubbuu namootaa darbuu hordofee Ministirri Bulchiinsa Biyya Keessaafi Biyyaalessaa Kituuree Kindikii, bulchiinsa Marsabiititti bakka albuudni baafamu daawwachuun akka cufamu ajaja erga dabarsan guyyoota muraasa booda ta’e.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Kituuree Kindikii barreeffama marsaalee hawaasaa isaanirratti maxxansaniin, mootummaan isaanii hokkoraa fi gochaalee yakkaa iddichatti mul’atu dhaabsisuuf murtee kana murteessuu himan.

BBCn yeroos taatee kanaan lubbuun namoota jahaa darbuu kan gabaase yoo ta’u, Kindiikii ammoo “lammiilee biyya alaa lama” dabalatee namoonni torba lubbuu dhabuu himan.

Miidiyaan Keeniyaa ‘Citizen TV’ ammoo kanneen lubbuu dhaban lamaan lammiilee #Itoophiyaa daangaa cehanii dhufanidha jedha. Gabaasichi dabaluun, dhimmichi qorannoorra akka jiru kaasuun, kanneen lubbuu dhaban gosa Booranaa irraa akka tahan ni eera. AS

Related Articles

Back to top button