ODUUSIYAASA

Oduu: Ergamaan addaa Ameerikaa gaggeessitoota ABOfi KFO waliin mari'atan

Finfinnee, Caamsaa 14, 2024 – Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Maayk Haamar Dura Taa’aa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Jaal Daawud Ibsaafi fi Dura Taa’aa Kongireesii Federaalaa Oromoo (KFO) Pirofeesar Mararaa Guddinaa waliin guyyaa kaleessaa qonsila Ameerikaa Finfinneetti argamutti mari’ataniiru.

Mariin Ameerikaan kallattiiidhaan paartiilee mormitootaa waliin taasifte kuni isa jalqabaati jedhame.

Dura taa’aan KFO Piroofeesar Mararaa Guddinaa afgaaffii Addis Standard waliin taasisaniin, mariin biyyaalessaa mootumman Itoophiyaa qindeessaa jiru hunda hammataafi amanamummaa akka qabu eeruun rakkoo siyaasaa biyyattii mudate furuurratti “jijjiirama tokkoyyuu akka hin fidne” Haamariif ibsuu Piroofeesar Mararaan dubbataniiru.

Marii kanaan dhimmoota Itoophiyaafi Oromiyaa ilaallatan ijoorratti mari’achuu Pirof Mararaan dubbataniiru. Rakkoo siyaasaa biyyattii keessa jirurratti ergamaan kanaaf ibsa kennuu dubbataniiru. Akkasumas, dhimma marii nageenyaa naannoo Oromiyaarratti dhiibbaa gochuufi tumsa taasisuu Ameerikaa akka itti fuftu Haamar waadaa galuu himaniiru.

Akkasumas, dhimma ajjeechaa qondaala ABO Battee urgeessaa kan tibbana raawwatamerratti mari’ataniiru. “Ajjeechaa Batteefi hidhamuu maatiisaatiin rifaatuu guddaan” itti dhagahamuu Haamar dubbachuu akkasuma Pirof Mararaan eeraniiru.

Akkasumas, mariin dura taa’aa KFO Pirofeesar Mararaa Maayik Haamar waliin taasifame “firii-qabeessa” ta’uu ibsi KFO’n baase eereera.

Marii kanarratti Piroofesar Mararaan haasaa taasisaniin “Itoophiyaa tasgabbeessuuf aangoo siyaasaa qooduurratti sirreeffama taasisuun alatti foormulaan ajaa’ibaa biraa hin jiru,” jedhaniiru. Kana malees, adeemsa siyaasaa haqa-qabeessa akka gaggeessuuf hawaasni idiladdunyaa paartii biyya bulchaa jirurratti dhiibbaa akka taasisu Mararaan gaafataniiru.

Akka Pirooofeesarichi jedhanitti, marii nageenyaa mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaatti marsaa lamaaf raawwatamee ture ammas akka itti fufu Ameerikaan deeggarsa akka taasiftu Haamar dubbateera.

Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa #Ameerikaa Maayik Haamer qaama daawwannaa gaanfa Afrikaatti Caamsaa 8 hanga Caamsaa 19tti gaggeessaniin gara #Itoophiyaa akka imalan Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksisuu Addis Standard gabaasee ture.

Maayik Haamar daawwannaa Itoophiyaatti taasisan kanaan Gamtaa Afrikaa, qondaalota Itoophiyaa fi Bulchiinsa Yeroo Naannoo #Tigraay waliin walarguun haala raawwii waliigaltee Piriitooriyaa irratti ni mari’atu.

Kana malees, walitti bu’iinsa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa fi Oromiyaa keessatti itti fufee jiru haala dhaabsisuu danda’amu irratti, akkasumas dhimma barbaachisummaa qorannoo gochaalee sarbiinsa mirgoota namoomaa naannolee kanneen keessa mul’atu ilaalchisee ni akka mari’atan ministeerichi beeksiseera.

Maayik Haamar daawwannaa Itoophiyaatti taasisaniin alatti gara #Keeniyaa fi #Jibuutii imaluun qondaaltota biyyoota kanneenii waliin dhimmoota nageenyaa naannichaarratti ni mari’atu. AS

Related Articles

Back to top button