ODUUSIYAASA

Oduu: Keeniyaan hogganaa humna Saffisaa simachuu hordofee Sudaan ambaassaadara ishee Keeniyaa jiru waamte

 Finfinnee, Amajjii 05, 2024 – Mootummaan Keeniyaaa ajajaa humna deegarsa saffisaa Mohaammad Haamdaan Daagaaloo “Heemeeti” simachuu hordofee Keeniyaatti ambaasaaddara ishee Kamaal Jubaaraa  gara biyyaa akka deebi’u kaleessa waamte.

Akka gabaasa Sudan News Agency’tti, Minsteerri Dhimmaa Alaa Sudaan Alii Al- Saadiiq Keeniyaatti ambaasaaddarri Sudaan gara biyyaa akka deebi’uu waameera.

Akkasumas, “gochaa badii” kan akka misooma bu’uuraafi qabeenya namoota dhuunfaa barbadeessuu hogganaan humna saffisaa raawwateef beekamtii kennuu dhabuu isheetti Al-Saadiiq balaaleffateera.

Ambaasaaddara ishee waliin erga mari’attee booda hariiroo Sudaaniifi Keeniyaan kana booda qabaachuu dandeessu kan murtaa’uu ta’uu eerameera.

Mootummaan Sudaan “Garee finciltootaa gargaaruu, hogganaafi deeggartoota garichaa simachuufi humnoota diinaa naannicha keessa jiran waliin shira xaxuudhaan” Keeniyaa yakkeera.

Guyyoota muraasa darban keessa, hogganaan Humna saffisaa Sudaan kuni Ugaandaa, Itoophiyaa, Jibuutiifi Afrikaa Kibbaatiin simatameera. Buuufata xiyyaaraa Finfinneetti aanga’ootaan simatameera, akkasumas Naayroobitti shubbisa aadaatiin haala ho’aa ta’ee Pireezidaant Wiiliyaam Ruutootiin simatamee ture.

Taateen kuni mudachuun duratti Pireezidantiin Sudaan Abdel Fattaah al-Burhaan biyyooni garaagaraa hogganaa humna saffisaa kana akka hogganaa biyyattii seera-qabeessa ta’eetti simachuu haaluun simannaa akkanaa kanaaf Sudaan “tarkaanfii barbaachisaa fudhatti” jedhee ture.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Waraana Sudaanitti mudate hordofuun, hawaasni diiploomaasii Sudaan waajjira isaanii Kaartuum gadhiisuun buufata doonii Sudaanitti biiroo banatanii argamu.

Sudaan gahee Keeniyaan IGAD keessatti qabdu haaluun Ruutoo Heemeetii waliin “hariiroo daldalaa” qabu jedheera.

Finciltoonni Humna Deeggarsa Saffisaa Sudaan mootummaa Sudaan irratti ka’uun fi humnoota mootummaa Sudaan waliin wal waraanaa jiraachuun ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button