ODUUSIYAASA

Oduu: Mootummaan Battee Urgeessaafi miseensota paartilee mormitootaa biroo dararaa jiraachuu HRW ibse

Finfinnee, Bitootessa 05, 2024 – Ji’a Guraandhalaa keessa humnoonni nageeyaa mootummaa qondaala siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Battee Urgeessaa too’annoo poolisii jala oolchuun walqabatee dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Hiyumaan Raayts Waach (HRW) ibsa baaseen mootummaan Itoophiyaa miseensota paartilee mormitootaa seeraan ala hidhaafi dararaa jiraachuu ibse.

Qondaalli siyaasaa Battee Urgeessaa too’annoo jala kan oole battala afgaaffii gochuuf gaazexeessaa Faransaay Antoniyee Gaalindoo waliin Finfinneetti wal qunnameetti ture. Gaazexeessaan kuni Guraandhala 29 kan gadhiifame yoo ta’u Battee Urgeessaa garuu hanga yoonaatti too’annoo poolisii jalatti argama.

Haa ta’u malee, Batteen himata Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin hidhata qaba jedhuun gara mana hidhaatti deebifameera. Battee Urgeessaa kanaan duras mana hidhaa keessa kan ture yoo ta’u sababa rakoo fayyaa ulfaataa ta’een akka gadilakkifamu taasifamee ture.

Akkasumas, qondaalonni olaanoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) torba  Bitooteessa 2021 keessa too’annoo jala oolan birookan manni murtii akka gadi lakkifaman ajaja dabarseef hanga yonaatti too’annoo poolisii jalatti argamu.

Kana malees, miseensa paarlaamaafi gaggeessitoota paartii mormitootaa kan ta’an Kiristiyaan Taaddalaafi Dassalany Caannee (PhD) hidhamanii argamu.

Bitooeessa keessa labsiin muddamaa naannoo Amaaraa keessatti labsame akka dheeratu murteessuun ni yaadatama. Naannichatti gaazexeessitoota saaddeet too’ataman keessaa afur too’anoo poolisii jalatti kan argaman ta’uu HRW addeesseera.

Hidhaan jumlaa akkanaa kuni mootummaan paartilee moormitootaa hacuucaa jiraachuu kan agarsiisan ta’uu eerameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Battee Urgeessa gaazexeessaa lammii Faransaay, Antuwaan Gaalindoo, waliin magaalaa Finfinneetti to’annoo jala kan oolan qondaalli siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Bitootessa 01 mana murtii sadarkaa tokkoffaa Finfinneetti dhiyaatanii dhimmi isaanii kan ilaalame ture. Batteen qorannoodhaaf guyyoota dabalataa shaniif too’annoo poolisii jala akka turu ajaja dabarsuu Addis Standard’tti gabaasee ture. AS

Related Articles

Back to top button