ODUUSIYAASA

Oduu: Walitti bu’’insa loltoota mootummaafi hidhattoota Faannoo booda magaalli Baahir Daar tasgabbaa’uu himame

Finfinnee, Bitootessa 04, 2024 – Walitti bu’iinsa humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo ofii jedhan gidduutti Guraandhala 29tti mudate tasgabbaa’uun magaalli guddoon naannoo Amaaraa Baahir Daar nagaatti deebi’ aa jiraachuu jiraattonni himan.

Walitti bu’iinsa iddoo addaa Abbaay Maadoo fi Qabalee 14tti Kamisa darbe loltoota mootummaafi hidhattoota Faannoo mudatee ture hordofuun lolli cimaan meeshaa waraanaa gurguddaadhaan gaggeeffamee ture.

Sanbata duraa darbe dhukaasni hanga ta’e haa turu malee sanaa booda haalli jiru tasgabbaa’aa jiraachuu jiraattonni Addis Standard dubbise himaniiru.

Walitti bu’iinsa ture kanaan reeffa loltoota mootummaafi hidhattoota Faannoo ajjeefamanii iddoo Abbaay Maadoo jedhamutti arguu jiraattonni ibsaniiru.

Haa ta’u malee, haalli ture tasgabbaa’aa dhufuun tajaajilli baankii, daldalaafi kanneen biroo eegaluu jiraattonni himaniiru.

Barataan Yuunivarsitii Baahirdaar hojjattoonni yuunivarsitichaa hojiittii deebi’uu ibsuun barnoonni hanga ammaatti hin eegalle jedheera. Sochiin naannicha keessa ture tasgabbaa’uus himeera.

Poolisiin magaalattii rakkoon naannawa magaalattii ture fooyya’eera ibsa jedhu kenneera. Guyyaa eerametti rakkoon nageenyaa turuu amanuun haalli jiru tasgabbaa’uu ajajaan qajeelcha poolisii magaalatti Waalalligy Biimraaw ibseera. Humnoonni naannichaaafi federaalaa waloon ta’uun haala jiru too’annoo jala oolchaniiru jedhe.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhukaasni akka tasaa dhoohee tureen walqabatee tajaajilli geejjibaa, daldalaafi tajaajilonni biroo addaan cituu amaneera. Akkasumas, Bitooteessa 03 eegalee tajaajiloonni kunneen itti fufaniiru jehde.

“Rakkoon nageenyaa naannawa Baahirdaar ture hiikamuun tasgabbiin bu’eera,” Waaallinyitu jedhe. AS

Related Articles

Back to top button