ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Gaazexeessaan Naannoo Somaalee keessatti himata ‘olola sobaa tamsaasuu’ jedhuun hidhame akka gadhiifamu gaafatame

Finfinnee, Guraandhala 27/2024 – Naannoo Somaalee keessatti gaazexeessaa torban lama dura qaamolee nageenyaa naannichaatin to’annoo jala oole, Mohuddiin Mohaammad, atattamaan akka gadi lakkifamu Waldaan Gaazexeessitoota Naannoo Somaalee gaafate. 

Kanaan dura miidiyaa Kalsaan jedhamu keessatti hojjechaa kan ture fi yeroo ammaa kana ammoo rogeessa miidiyaa hawaasaa kan ta’e Mohuddiin, “miidiyaa hawaasaa irratti olola sobaa facaase” jedhamuun Guraandhala 12 magaalaa Jigjigaatti hidhame. 

Dura taa’aan Waldaa Gaazexeessitoota Somaalee kan ta’e Abdulrazaaq Haasan Addis Standard’tti akka himetti, Mohuddiin “daawwannaan MM Abiy Ahimad dhiheenya kana magaalaa Jigjigaatti taasisan sochii tiraafikaa magaalittii irratti rakkoo uume” jechuun miidiyaa hawaasaa isaarratti barreessuu hordofee mana jireenya isaarraa qaamolee nageenyaatin fudhatame. ​

Abdulrazaaq itti dabaluudhaan, Mohuddiin himannaa malee guyyoota torbaaf mana hidhaa hin beekamne keessatti hidhamee akka ture ibseera. Itti aansuunis gara waajjira poolisii godina Faafaanitti dabarfamee Guraandhala 20 mana murtiitti dhiyaachuun himannaa ‘olola sobaa tamsaasuu’ irratti dhiyaate. Manni murtichaas poolisiif yeroo qorannoo guyyoota 10 eeyyameera.

”Guyyaatti al sadii mana hidhaa keessatti isa daawwachaa jirra,” jechuun Abdulrazaaq ibseera. “Miseensonni keenyas akka hiikamuuf abbootii seeraa waliin mari’achaa jiru.”

Gaazexeessaa Naannoo Somaalee keessatti hidhame Mohuddiin qofa miti.

Waggaa tokko dura, Addis Standard gaazexeessaa miidiyaa Kalsaan kan biraa Muhiyaadin Mohaammad Alii jedhamu hidhamuu gabaasee ture. Gaazexeessaan kun kan hidhame murtee biiroon komunikeeshinii naannichaa tamsaasa miidiyaalee biyya alaa 15 naannicha keessa hojjetan dhorkuuf dabarse guyyaa tokko booda ture.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Biirichi miidiyaalee biyya alaa teessoo isaanii naannichatti godhatan hayyama seera qabeessaan ala hojjetu jechuun himate ture. Miidiyaaleen biyya alaa 15 biirichi himate keessa Kalsaan TV, BBC fi VOA Somaalii ni argamu. AS

Related Articles

Back to top button