SEERA FI HAQAXIINXALA
Trending

Xiinxala: Itoophiyaan adeemsa gara haqa ce’umsaatti taasiftu itti fuftetti; Ogeeyyiin damichaa garuu dhimmoota hin xumuramne jiraachuu himu

Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa

Finfinnee, Gurandhala 28/2024 – Ministeerri Haqaa madaa miidhamtoota hedduu ni fayyisa jedhame eegamaa kan jiru imaammata haqa ce’umsaa biyyaaleessaa garee ogeeyyii ijaareen qopheessaa ture sadarkaa xumuraarra gahuu ibsa har’a baaseen beeksiseera. Ministeerichi torban darbe keessa dhimma kana irratti marii xumuraa afur gaggeessuu ibseera.  

Guyyoota itti aananittis galteewwan hirmaattota marichaa irraa dhiyaatan wixinee imaammaticha irratti galchuun gara Mana Maree Ministirootaatti dhiyeessuun akka ragga’u taasisuuf hojii xumuraa eegaluu beeksiseera. 

Waraana fi walitti bu’iinsawwan hedduu waggootaaf Itoophiyaa keessatti itti fufiinsaan mudatan walqabatee lammiilee nagaa irratti yakkoonni waraanaa, yakka namummaa irraa raawwataman, duguuggaa sanyii, akkasumas dhiittaa mirga namoomaa ciccimoon kanneen akka ajjeechaa, miidhaa saalqunnamtii fi humnaan buqqisuu raawwatamaa tureera.

Gama kanaan naannoon Tigraay sababa waraana waggaa lamaaf gaggeeffameen baay’eekan miidhame yoo ta’u, haata’u malee bakkeewwan waldhabdeen jiru biroottis, keessumaa naannoolee Oromiyaa, Amaaraa fi Affaar keessatti sarbama adda addaa raawwatameen miidhamtootni haqa malee hafaniiru. 

Gabaasni dhaabbata ‘Refugees International’ Sadaasa bara 2023 baase akka mul’isutti, Tigraay keessatti shamarranii fi dubartoonni tilmaamaan dhibbeentaa 40–50 ta’an waraana waggoota lamaaf naannichatti geggeeffameen miidhaa saalaa irratti raawwatameera. Miidhaamtoota kunnen keessaa 80% ol akka gudeedaman kan ibsan yoo ta’u, kanneen 70%tti siqan ammoo gareewwan hidhataniin gara jabummaadhaan gareedhaan gudeedamaniiru jedhan.

Tiblatsii Haagoos, dubartii umrii soddoma keessa jirtu (maqaan ishee kan jijjiirrame), yeroo waraana naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa turetti Kaaba Lixa Tigraay, Shiraaroo irraa buqqaafamtee gara Tambeen Abi Adiitti ulfa ji’a jaha baattee godaante. Erga Tambeen Abi Adi geesse boodas guyyoota sadiif luka duwwaan imalaa erga turte booda magaalaa Maqalee geesse. Haata’u malee, adeemsa kana keessa miidhaa saalaaf saaxilamtee turte.  

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Tiblatsiin Maqalee geessee nagaadhaan daa’ima deessuus wayita qorannoo dhiigaa godhamuuf dhukkuba HIV-AIDSn qabamuu ishee barte. Tiblatsiin rakkoo ishee fi hiriyyoota ishee irraa gaheef haqa barbaacha manneen murtii garagaraa deemuun kan yaalte ta’uus, haqa dhabdeetti. “Ana fi miidhamtoonni biroo kan barbaannu haqa duwwaadha,” jetti.  

Naannoo Oromiyaatti, jiraataa godina Gujii Bahaa kan ta’e Nagaraan (maqaan kan jijjiirame) Muddee bara 2020 keessa abbaan isaa Nageessoo Barisoo bakka hojii isaanii irraati “Shanee waliin hidhata qabda” jedhamuun humnoota mootummaatin itti dhukaafamee ajjeefaman. Akka Nagaraan jedhutti, qaamolee abbaa isaa horsiise bulaa ta’an ajjeesan hanga ammaatti to’annoo seeraa jala hin oolle. Maatiin isaa hundu yakka raawwatameef haqa akka barbaadan hime.  

Gaaffii haqaa namoota akka Tiblatsii fi maatii Nageessoo qaban adeemsa haqa ce’umsaa mootummaan eegaleefi sadarkaa imaammata haqa ce’umsaa biyyoolessaa irratti gahe qofa irratti hirkata. Adeemsi kunis kan eegalame qorannoo waloo Waajjira Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gaggeessanii fi waliigaltee Piritooriyaatti mallattaa’e hordofeeti. 

Fulbaana bara 2023 gareen walabaa ogeeyyii 13 of keessaa qabu marii ummataa filannoowwan imaammata haqaa ce’umsaa irratti Bitootessa 2023 irraa kaasee guutuu biyyattiitti gaggeeffamaa ture xumure. Kana malees, ogeeyyiin kunneen dhaabbilee hawaasa siivikii fi qooda fudhattoota biroo waliin waltajjiiwwan marii 22 gaggeessaniiru.

Bu’aa waltajjiiwwan marii kana ilaalchisee gabaasa fuula 270 ogeeyyiin kun qopheessan irratti marii ji’oota dheeraaf gaggeeffame irraa galteewwan bal’aan walitti qabamuun imaammata haqaa ce’umsaa biyyoolessaa bal’aa fi hunda hammate bocuuf kan dandeessise ta’uu ibsameera. Sanadni kun filannoowwan imaammataa hirmaattonni marii kanarratti argaman harki caalaa isaaniin filataman kan ibsu yoo ta’u, dhimmoota ijoo kanneen akka himannaa, dhugaa barbaaduu, adeemsa haqaa, fi hojiiwwan sirreeffama irratti yaada garee ogeeyyii irraa kenname kan hammate fi imaammanni haqaa ce’umsaa dhufu maal akka ta’e agarsiisa kan of keessaa qabuudha.

Haata’u malee, sanada kana irratti hundaa’uun imaammanni haqaa ce’umsaa biyyoolessaa yeroo ammaa bocamaa jiru kaayyoo yaadame galmaan ga’uu fi dhiisuu isaa irratti ogeeyyiin damee kanaa shakkii qaban ibsaniiru.

Yuunivarsiitii Harvaardii Damee Barnoota Seeraatti Daarektara Itti-aanaa Sagantaa Mirga Namoomaa kan ta’e Abaadir Ibraahim (PhD), “dhimma marii teeknikaa sanada kana irratti gaggeeffamu ilaaluun, yaaddoon koo inni guddaan dhimmoota murteessoo ta’an xiyyeeffannoo dhabsiisu dandeenya kan jedhudha. Kunis dhugummaa adeemsa haqaa ce’umsaa Itoophiyaa gaaffii keessa galchuu fi caalaatti ammoo haala amma jiruun haqa ce’umsaa dhugaa galmaan ga’uun danda’amuu isaa shakkuu dabalata,” jedha. 

Akka Abaadir jedhutti, madaalliin Komishinii Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa (ICHREE) adeemsa haqa ce’umsaa mootummaan Itoophiyaa jalqabe irratti hanqinni jiraachuu adda baasuu qofa osoo hin taane, bifa tarsiimoodhaan akka seera idil addunyaa akka fakkaatuuf kan bocame ta’uu mirkaneesseera. “Hundeerraan, mootummaan haqa ce’umsaa keessatti hirmaannaan taasisu haqa fi dhugaa barbaachuu caalaa qeeqa fi itti gaafatamummaa karaa irraa maqsuuf kan xiyyeeffate fakkaata,” jechuun Abaadir falma.

Taaddasaa Simee (PhD) Inistiitiyuutii Qorannoo Nageenyaa keessatti qorataa olaanaa yoo ta’u, Inishiyeetiivii Namoomaa Haarvaard waliin Haqa Ce’umsaa Itoophiyaa irratti qorannoo gaggeesseera. Taaddasaan adeemsa hanga ammaatti garee ogeeyyii keessatti hanqina hammatamuu, keessumaa naannoo Tigraay irraa bakka bu’ummaan jiraachuu dhabuun dhiibbaa akka qabu hima. 

Taaddasaan, adeemsa haqni ce’umsaa Itoophiyaa bara 2018 booda irra jiru ilaalchisee wayita ibsu haqni ce’umsaa marsaa sadii keessa darbuu hima. ”Marsaan jalqabaa haaluu kan of keessaa qabu yoo ta’u, warri aangoo irra jiran yaad-rimee haqa ce’umsaa ni didan. Marsaa lammaffaa keessatti ammoo fudhatama haqa ce’umsaa kan komishiniin daangaa fi araaraa hundeessuuf sababa ta’e mul’ateera. Marsaan sadaffaan dizaayinii imaammataa kan of keessatti hammate yoo ta’u, wixinee waraqaa filannoowwan imaammataa haqa ce’umsaa Itoophiyaa, marii ummataa, fi sanada itti aanu, akkasumas sanada imaammataa isa dhumaa qopheessuu of keessa qaba.”

Marsaan inni xumuraa, marsaan raawwii, kan Itoophiyaan ammallee itti hin tarkaanfanne, murteessaa waan ta’eef, kutannoo siyaasaa hin raafamne kan barbaachisu ta’uu dubbata.

Ta’uus, ogeeyyiin kunneen dhimmoota ijoo hin xumuramne tokko tokko kanneen milkaa’ina adeemsa haqa ce’umsaa gabaasa waltajjiiwwan marii fuula 270 keessatti mul’ate golgeessuu danda’an ibsu.

Gahee Ogeessota Idil-addunyaa

Ogeeyyiin idil addunyaa (lammii Itoophiyaa hin taane) hammatamuun isaanii qormaata mataa isaa kan qabu ta’uus, haala Itoophiyaa keessatti murteessaa ta’uu akka danda’u Abaadir hubachiisa. “Waraanni hedduu waggoota darban keessa gaggeeffame Itoophiyaanota akka malee qoqqooduun ‘warra alaa’ akka qaama sadaffaa walaba ta’anii akka hirmaataniif barbaachisaa ta’eera. Itoophiyaanonni tokko tokko, baay’een, ykn irra caalaan illee waraana kana keessatti gama tokko ykn kan biraa ifatti kan deeggaraa turan ta’uu ilaalcha keessa galchuun ogeeyyiin Itoophiyaa haala sana keessatti deeggarsa garee tokko agarsiisaa turan adeemsa haqa ce’umsaa irraa of baasuu qabu.”

Akka Abaadir jedhutti, haalli kun hanqina ogeessa biyya keessaa uumuu kan danda’u ta’us, dhiibbaa ogeeyyiin Itoophiyaa mootummaa ykn gareewwan hidhattootaa fi kanneen adeemsicha gufachiisu barbaadan irraa isaan mudachuu malu tilmaama keessa galuu qaba. 

Taaddasaan ammoo hirmaannaan ogeeyyii idil-addunyaa adeemsa kana keessa taasisan ifatti ibsamu dhabuu isaa akka rakko biraatti kaasa. “Bu’uura caasaa jalqabarraa kaasee, ogeeyyii biyyaalessaa cinatti ogeeyyii idil-addunyaatiif bakka kennuu malee aangoo to’annoo hojii laachuu hin malu. Akka ogeeyyii biyyaalessaa ta’anii hojjechuu kan hin dandeenye ta’us, hirmaannaa hiika qabu mirkaneessuuf akka gargaaraa abbootii murtiitti gumaachuu danda’u,” jechuun gahee ogeeyyii idil-addunyaa ifatti ibsuun barbaachisaa ta’uu ibsa. 

Gama biraatiin, Komishinii Dhugaa Barbaaduu irratti itti gaafatamummaa hedduu baay’isuun adeemsa haqa ce’umsaa biyyaaleessaa akka harkifatu taasisa jedhe, Taaddasaan. ​

Gahee Mootummaa Federaalaa fi Naannolee 

Akka Taaddasaan jedhutti, haqa ce’umsaa bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuuf gahee fi itti gaafatamummaa naannolee fi mootummaa federaalaa gidduu jiru sararuu irratti ifa ta’uun barbaachisaadha. Sababa naannoleen tokko tokko dursanii komishinii qorannoo fi araaraa hundeessuun isaaniin gahee caasaa mootummaa sadarkaa sadarkaan jiru ifatti ilaaluun murteessaa ta’uu eere. Gama kanaan hanqinni iftoominaa caasaalee mootummaa gidduu jiru waldhabdee biyyattii keessa jiru irratti rakkoo dabalataa akka hin taane fi adeemsa haqa ce’umsaa akka hin gufachiisne of eeggannoo godhamu akka qabu hubachiiseera. 

Hojii haqa mirkaneessuu keessatti karoora tarsiimoo baasuun barbaachisaa ta’uu kan ibsu Taaddasaan, naannolee akka Oromiyaa, Tigraayii fi Amaaraatti hojii dursa kennamuuf qabu itti gaafatamummaa mirkaneessuu, beenyaa fi dhiifama ta’u akka qaban eera. 

Abaadir gama isaatin, qaamota waliigaltee Piritooriyaa keessatti hirmaataniifi gareewwan Itoophiyaa keessatti waldhabdee keessa hirmaachaa jiran adeemsa haqa ce’umsaa mootummaan eegale kana fudhatama dhabsiisu isaanii akka isa yaaddeessu hima. 

Akka Abaadir jedhutti, TPLF qofa osoo hin taane qooda fudhattoonni siyaasaa gurguddoon, loltoonni hidhataniis ta’e dhaabbileen siyaasaa mormitoota hidhannoo hin qabne, haqaa ce’umsaa kana fudhachuudhaaf fedhii kan hin qabne fakkaatu.

Kana malees, hayyoonni kunniin [Abaadir fi Taaddasaa], waldhabdeen hidhannoo naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti adeemsifamaa jiran haqa ce’umsaa milkaa’inaan hojiirra akka hin oolleef qormaata guddaa akka uumu ibsu. Keessattuu yeroo marsaan hojiirra oolmaa imaammata haqa ce’umsaa itti dhiyaachaa jirutti walitti bu’iinsa kana karaa nagaa furuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. AS

Related Articles

Back to top button