DALDALAODUU

Oduu: Abbaan Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itoophiyaa dhaabbilee federaalaa adda addaa waliin waliigalteewwan lama mallatteesse

Finfinnee, Guraandhala 29/2024 – Abbaan Taayitaa Gabaa Kaappitaala Itoophiyaa guyyaa har’a waliigalteewwan bu’uuraalee gabaa kaappitaalaa cimsuu, iftoomina guddisuu fi dandeettii teeknooloojii gabbisuuf gargaaran lama dhaabbilee federaalaa adda addaa waliin mallatteessuu beeksise.

Waliigalteen inni jalqabaa dhimma amanamummaa Gabaa Kaappitaalaa Itoophiyaa irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, kunis Ministeera Haqaa Federaalaa, Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa, Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itoophiyaa, Komishinii Poolisii Federaalaa, fi Tajaajila Nageenya Faayinaansii gidduutti kan taasifameedha.

Kaayyoon waliigaltichaas gabaa kaappitaalaa Itoophiyaa seera qabeessaa fi gocha yakkaa irraa bilisa taasisuuf dhaabbilee gidduutti sirna qindoomina dhaabbataa fi gahumsa qabu diriirsuu, akkasumas sirna seera kabachiisuu bu’a qabeessa ta’e uumuun amanamummaa gabaa kaappitaalaa mirkaneessuu ta’uu ibsameera.

Akka waliigaltee kanaatti, gareen waloo dhaabbilee kunneen irraa hundaa’u kun gurgurtoota aksiyoonaa adeemsa aksiyoonaa sobaa fi seeraan alaa irratti hirmaatan, akkasumas invastaroota hedduu maallaqa isaanii akka dhaban taasisan adda baasuu fi seeratti dhiyeessuuf itti gaafatamummaa qaba.

Waliigalteen lammataa ammoo tumsa Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itoophiyaa teeknooloojiin deeggaru yoo ta’u, kunis Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa, Ejensii Nageenya Odeeffannoo, Inistitiyutii Hubannoo Nam-tolchee fi Tajaajila Waraqaa Eenyummaa Biyyaaleessaa gidduutti taasifame. 

Deeggarsa teeknooloojii nageenya saayibarii waliin walqabatu kan hammate waliigaltichi, gabaa hordofuu fi nageenya invastaroota eeguu irratti dandeettii abbaan taayitichaa qabu guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Abbaan taayitichaa teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun balaawwan mudachuu danda’an dursee hordofuu fi furuuf, akkasumas bu’uura to’annoo waliigalaa guddisuuf kan kaayyeffate ta’uus ibsaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button