ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa naannoo Tigraay tibbanaan “doorsisaa fi dubbi barbaacha” jechuun ibse

Finfinnee, Bitootessa 28/2024 – Jalqaba torbee kanaa, godina Kibba Tigraay yeroo ammaa kana to’annoo humnoota Amaaraa jala jirutti naannawaa Raayaa Allaamaaxaatti humnoota Amaaraa fi Tigraay gidduu waldhabdee lubbuu namootaa galaafate mudachuu gabaafameera. Ka’umsa walitti bu’iinsa naannawaa kanatti mudatu ilaalchisees qaamolee lamaan walhimachaa jiru. 

Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay ibsa tibbana baaseen, mootummaan naannoo Amaaraa kitaaba barnootaa maxxansiise irratti kaartaa “lafa Tigraay gara Amaaraatti daangeesse” akka sirreessu akeekkachiisuu hordofee mootummaan naannoo Amaaraa har’a deebii laateera. 

Mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa isaatin, ibsi bulchiinsi yeroo Tigraay baase “doorsisaa fi dubbi barbaacha” jechuun ibseera. 

Itti dabaluun, bulchiinsi yeroo Tigraay ibsa isaatin lafti Tigraay kaartaa dogoggoraan gara Amaaraatti akka hammataman ibsuun isaa “seenaa, ragaa qabatamaa fi dhugaa lafarra jiru kan haaleedha” jechuun ibse. 

Kana malees, humnoonni Tigraay iddoo turan irraa socho’uun gandoota aanaa Raayyaa Allaamaaxaa qabachuun “jiraattota ajjeesaa fi dararaa jiru” jechuun himateera.

Muddama gama Raayyaa Allaamaaxaatti uumame ilaalchisee yaada isaanii Addis Standarditti lan laatan bulchiinsa mootummaa Amaaraatti kantiibaa magaalaa Allaamaaxaa ta’uun kan muudaman Haayiluu Abarraa, Wiixata halkan humnoonni Tigraay naannawaa Allaamaaxaa ganda Caguwaarraa jedhamutti haleellaa raawwachuu hordofee gara naannolee birootti tamsa’uu himan. 

“Gochi humnoonni Tigraay raawwatan waliigaltee Piriitooriyaa kan cabsedha” jedhan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Himannaa kantiibaa magaalaa Allaamaaxaa hordofee deebii isaanii Addis Standarditti kan laatan hogganaa biiroo kominikeeshinii bulchiinsa yeroo Tigraay Radaa’i Haalafoom, himannaa dhiyaate kana haaluun “dursanii dubbii kan barbaadan humnoota Amaaraadha” jedhan.

“Naannoon Amaaraa waa’ee lafa naannoo Tigraay dubbachuuf bu’uura seeraas ta’e mirga hin qabu” kan jedhan Radaa’iin, bulchiinsi yeroo Tigraay dhimmicha karaa nagaa fi heera mootummaatiin hiikuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, naannoon Amaaraa “hojii waliigaltee nagaa Piritooriyaa booressan hojjechaa jira,” jechuun ibsaniiru. “Rakkoon ammaa kun isa jalqabaa miti, naannichi kanaan dura yeroo baay’ee naannoo Tigraay irratti dubbi barbaacha walfakkaataa raawwachaa tureera,” jechuun mootummaan federaalaa gidduu seenee sochii naannichaa akka tasgabbeessu dhaamaniiru. AS

Related Articles

Back to top button