DHIMMA HAWAASAASEENESSA
Trending

Seenessa: 'Jaarraa Abbaa Gadaan mataansaa jaarmiyaa Oromooti' - Jamaal Ahimad, bareesssaa kitaaba seenaa

Geetahun Laggasaatin @Birmaduu2

Finfinnee Bitootessa 30/ 2024 – Qabsaa’ota bilisummaa Oromoo angafoota keessaa tokko kan ta’an Abdulkariim Ibraahim Hamiid, baay’inaan maqaa “Jaarraa Abbaa Gadaa” jedhamuun beekama. 

Qabsaa’aan gameessa kun qabsoo Oromoo kutaalee garaagaraa keessatti gaggeeffamaa ture walteessuufi bara 1969 Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hundeessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Hundeessuu qofa osoo hin taane dhaabicha gaggeessuu, waraana ajajuu fi kanneen birootiin tajaajileera.

Jaarraa Abbaa Gadaan erga biyyaa bahee boodas waggaa 11 dura biyya Yaman keessatti hanga du’aan boqotuutti qabsoo Oromoo keessatti karaa adda addaan gahee bahachaa ture.

Tibbana ammoo kitaabni mata duree ‘Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaatii fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo’ jedhuun seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa seenessu eebbifamuun uummataaf dhiyaateera. 

Kitaabichi seenaa jireenya Jaarraa Abbaa Gadaa hanga dhaaba siyaasa Adda Bilisummaa Oromoo hundeessuu keessatti gahee olaanaa qabu kan seenessuudha. 

Eebbifamuu kitaabichaa hordofee barreessaa kitaaba kanaa kan ta’e Jamaal Ahmad Abdallaa Addis Standard waliin turtii taasiseera. 

Jamaal Ahmad godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaatti dhalate. Barumsa sadarkaa tokkoffaa Wataritti erga xumuree booda Haramaayaa dhaquun barumsa sadarkaa lammaffaa barate. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Sana booda ogummaa qonnaatiin diiploomaatiin eebbifamuun bara 1997 hojii eegale. Itti fufuun, barnoota digrii jalqabaa barnoota seeraatin, akkasumas maastarsii mirga namoomaa fi qorannoo guddinaatiin hojjadheera. 

Jamaal turtii Addis Standard waliin taasiseen, seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa irratti xiyyeeffatee kitaaba barreessuuf kan isa kakaase “qabsaa’aan gameessi kun gahee Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti qabu guddaa ta’uu fi barreeffamaan katabamee dhalootaaf kaawwamuu qaba” jedhe waan amaneefi ta’uu hime. 

Kitaaba kana xumuruufis waggaa afur itti fudhachuu hima. “Kitaaba kana barreessuun waggaa lama caala hin fudhatu ture. Haa ta’u malee, sababa hojiidhaan muddamni waan jiruuf haalli mijataa naaf hin turre. Yerooma kitaaba kana barreessaa turetti barnoota Maastarsii barachaa waanan tureef muddama keessan ture. Bara 2019 ALA eegalee xumura bara 2023 irratti kitaaabicha xumure.”

Bara 1969 dura qabsoon Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraatti addaan ciccitaa ta’ee gaggeeffamaa ture,” kan jedhu Jamaal, Jaarraa Abbaa Gadaan qabsoo Oromoo kutaalee garaa garaa keessatti gaggeeffamaa ture caaya tokko jalatti waalteessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu hima. 

“Gara Baalee imaluun marii Janaraal Waaqoo Guutuu waliin taasise akka fakkeenyaatti fudhachuun, Jaarraa Abbaa Gadaa Oromoon tokkummaa’uun leenjii gahaa fudhachuun meeshaa waraanaa gahaa hidhatee qabsaa’uu akka danda’u hojjechuu ni hubanna,” jedhe. Gama biraatin, karaa nagaatiin aangoo qabachuuf yaalii taasisuun filannoo bara Haaylasillaasee ture irratti hirmaachuus eera. 

Dippiloomaasii Oromoon biyyoota ollaa waliin qabu ijaaruu keessattis gahee olaanaa qabaachuu hima. “Gara Somaaliyaa imaluun mootummaa Somaaliyaa irraa gargaarsa gaafachaa tureera.” 

Waa’ee Jaarraa Abbaa Gadaa…

Abdulkariim Ibraahiim Hamiid (maqaa qabsootin ‘Jaarraa Abbaa Gadaa’) bara 1936 ALI Oromiyaa godina Harargee Bahaa aanaa Meettaa ganda Mudiir Gooroo jedhamutti abbaa isaa Ibraahiim Raamidiifi haadhasaa Aadde Moominaa Eeyboo irraa dhalate. 

Jaarraa Abbaa Gadaan, abbaan isaa abbaa qabeenyaa waan tureef haala qabeenya guddaa qopheessuun bakka Carcar Asaboo jehdamutti jireenya bareeda akka jiraatu taasisuus, rakkoo siyaasaa Oromoon keessa ture erga hubatee booda rakkoo Oromoo kana hiddaan buqqisuuf kutatee qabsoo eegaluu barreessaan kitaaba seenaa isaarratti xiyyeefatu Jamaal Ahmad hime. 

“Yeroo sanatti Oromoon rakkoo siyaasaa-dinagdee ulfaataa keessa ture hubachuun qabsoof muratee nama ka’eedha.”

“Sooressi kuni nama ogummaa hunda-galeessa qabuudha. Qabsaa’ota biroo waliin hojii Adda Bilisummaa Oromoo hundeessuu hojjateera. Akkasumas, dhaabicha gaggeessaa tureera. Kana malees, dirree qabsoo keessatti fuuldura deemuun ajajaa waraanaa ta’uun dhaabbicha keessatti tajaajiluun isaa gaheen qabsaa’aa kanaa olaaanaa ta’uu agarsiisa,” jedhe. 

Akka Jamaal jedhutti, qabsaa’aan gameessa kun jireenya qabsoo isaa keessatti hidhaa fi dararrii Itoophiyaa fi Somaaliyaa keessa dabarse alatti bara chaartara ce’umsaa jechuun bara 1991 keessaa dhiibbaa karaa mootummaa Itoophiyaa irratti uumame hordofuun qabsaa’aan kuni biyyaa gadhiisuuf dirqame. 

Mootummaa Itoophiyaa yeroo sanaa hariiroo biyyoota ollaa waliin qabu cimsachuu hordofee namni kuni gara biyya Yaman baqate. Bara 1998 ALA biyya Yamanitti haadha manaa Mariyaam Jamaal jedhamtu fuudhuun ilmaan dhiiraa lama horate.

Sana booda Yamanitti jireenya baqaa jiraachaa osoo jiruu bara 2010 dhukkubsachuu eegale. Sanumarraan bara 2013 du’aan addunyaa kanarraa boqote.

Kitaaba mata duree ‘Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaatii fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo’ jedhuun Jamaal Ahimadiif barreeffame

Jamaal “seenaan qabsaa’aa kanaa sadaarkaa idi laddunyaatti akka Neelsan Maandellaa fi Mahaatmaa Gaandiitti akka fakkeenyaatti seeneffamuu qaba. Bara umriisaa qabsoodhaan kan goolabe ta’ee osoo jiruu kabajni fi beekamtiin qabsaa’aa kanaaf kenname gadi aanaa ta’uu hubadhe,” jedha.

Seenaa cichoomina Jaarraa Abbaa Gadaa irraas dhaloonni waa hedduu barachuu akka danda’u dubbata Jamaal.

“Tokkumaa, mari’achuufi gurmaa’uun barbaachisaa ta’uu seenaa gameessa kanaarraa ni baranna. Qabasaa’aan kuni jechoota mari’adhaa, gurmaa’aa jedhaniin beekama. Akkasumas, kaayyoo qabnu dhugoomsuuf kutannoodhaan hojjachuus akkasuma ni baranna.” 

Faayidaa seenaa Goototaa barreessanii kaa’uu 

Seenaa gootota barreessanii dhalootaaf kaa’uun biyya itti aanu ijaaruu keessa gahee guddaa akka qabu hima, Jamaal. Oromoon lafaafi qabeenya qofa osoo hin taane ilmasaaatiif seenaa dhaala godhee dabarsa. Qabsaa’onni durii kunneen dadhabaniifi wareegama kaffalanii seenaa kana nutti dabarsaniiru. Wareegamni qabsaa’onni kunneen kaffalan dhaloonni ammaa kanatti abbaan biyyummaa akka itti dhagahamu taasisa.”

“Biyyi tuni qabsoo abbootii isaatiin kan ijaaramte ta’uu yeroo hubannu abbaan biyyummaa akka nutti dhagahamu taasisa. Namni seenaa ofii hin beekne biyyi tuni kan eenyuu akka ta’eeyyuu beekuu hin danda’u. Qabsaa’onni akka Taaddasaa Birruu, Waaqoo Guutuu, Baaroo Tumsaa yeroo jennu eenyummaa keenya tiksuuf gatii kaffalan kanaaf beekamtii kennuun gaheen Oromoon biyya kana keessatti qabu dhaloota ammaa barsiisuuf tajaajila.”

“Kitaabni amma ani barreesse kunis of duraaf ragaa seenaa ta’uun tajaajila. Seenaa Oromoo Oromoodhaan barreeffaman keessaa isa tokko ta’ee akka madda seenaatti tajaajila jedheen yaada,” jedhe.

Haata’u malee, waliigalaan kitaabota seenaa Oromoo seenessan gahaan akka hin barreeffamne hima. 

“Gootonni Oromoo hedduu waan ta’aniif kana caala barraa’uu qaba. Seenaan Oromoo alagaadhaan seeneffamaa tureera. Oromoon seenaa ofii barreessuu kan eegale yeroo dhiyoo asi. Hanga seenaan sobaa barreeffamaa ture suni qajeelutti barreeffamuu itti fufuu qaba.”

Kana malees, seenaa goototaa barreessuun alatti kitaaba aadaa si siyaasa Oromoos barreeffamee dhalootaaf darbuu qaba jedha. “Kitaaboleen seenaa, aadaafi siyaasa Oromoo seenessan hedduu barreeffamuun afaanota garaagaraatti hiikamuu qaba.” 

Uummanni Oromoos aadaa kitaabolee barreeffaman dubbisuu gabbifachuu akka qabu dhaame. AS

Related Articles

Back to top button