ODUUSIYAASA

Oduu: Gaambeellaatti haleellaa konkolaataa ummataarratti raawwatameen namoonni sadi ajjeefaman

Finfinnee, Bitootessa 28/2024 – Naannoo Gaambeellaatti Roobii, Bitootessa 27, 2024 ganama haleellaa hidhattoonni konkolaataa ummataa magaalaa Gaambeellaa irraa ka’uun gara godina Nuweer aanaa Laareetti imalaa ture irratti raawwataniin lubbuun namoota sadi yoo darbu, hedduu irratti miidhaan qaqqabeera. 

Haleellaan kun kan raawwatame aanaa Abooli fi kaampii baqattoota Taarpaam gidduutti ganama naannoo sa’aatii 4 irratti ta’uu maddeen Addis Standard’tti himaniiru. 

Jiraataan tokko akka himetti, otobisoonni hedduun kaleessa ganama har’aa eegumsaan magaalaa Gaambeellaa irraa ka’uun imalanii turan. Haa ta’u malee, otoobisiin tokko bahumsa irratti waan barfateef haleellaa kanaaf akka saaxilamu taasiseera.

“Qaamoleen haleellaa kana raawwatan kun otoobisoota hunda irratti kan xiyyeeffatan ta’uus, otoobisiin tokko boodatti hafee waan baheef haleellaa kanaaf akka saaxilamu taasiseera,” jedhe.

Maddi kan biraan ammoo yaada Addis Standard’tti laateen, haleellaa kanaan konkolaachisaan, dubartii fi daa’imni tokko rasaasaan rukutamanii lubbuu isaanii dhabuu hime.

Kana malees, imaltoonni yeroo ammaa eessa buuteen isaanii hin beekamne jiraachuu eere. Haleellaa kana kan raawwatan hidhattoota garee “Anyuwaa” waliin hidhata qaban ta’uu ibseera.

Gama biraatin, Kibxata darbe magaalaa Gaambeellaa irraa kiiloo meetira 50 fagaatee kan argamu aanaa Abooboo keessatti haleellaa raawwatameen namoonni shan ajjeefamuu maddeen Addis Standarditti himaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Taateewwan dhiheenyaa kunneen, haleellaa magaalaa Gaambeellaatti poolisii tiraafikaa tokko irratti miidhaa qaqqabsiise torban tokko booda mudatan. 

Naannoo Gaambeellaatti jeequmsa Aanaa Addaa Itaang fi magaalaa Gaambeellaatti mudateen taatee namoonni 9 lubbuu itti dhabanii fi 17 madaa’an hordofee, Bitootessa 2023 irraa eegalee walitti bu’iinsa hawaasa gidduutti uumamu dabalaa jira. AS

Related Articles

Back to top button