ODUUSIYAASA

Oduu: Koreen araaraa waldhabdee daangaa naannolee Affaarii fi Somaalee gidduu furu hundeeffame 

Finfinnee, Bitootessa 09/2024 – Koreen waldhabdee daangaa naannolee Affaarii fi Somaalee gidduu jiru furuuf hojjatu hundeeffamuu gabaafame. Waldhabdee daangaa yeroo dheeraaf uummata lamaan gidduu tureen lubbuun namaa darbuun qabeenyi barbadaa’eera.

Akka Jeilu TV gabaasetti, Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa uummata fi mootummaa naannolee lamaan walitti araarsuuf hojjachaa jira.

Koreen araaraa kan adeemsa marii araaraa to’atu kunis bakka bu’oota mana maree dhimmoota islaamummaa dabalataan naannolee lamaan keessaa namoota walitti fiduun kan hundeeffamedha.

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa adeemsa marii kanaa olaantummaan kan to’atu ta’a.

Sagantaa hundeeffama koree araaraa kaleessa Bitootessa 08, 2024 gaggeeffame irratti uummattoonni naannoo lamaanii hokkoraafi lola akka dhaaban Pireezidaantiin Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Haaji Ibraahim Tufaa gaafataniiru.

Waldhabdeen waggootaaf daangaa naannolee lamaan irratti gaggeeffamaa tureen lubbuu jiraattota fi humnoota nageenyaa naannolee lamaanii hedduu kan galaafate yoo ta’u, qabeenya hedduus barbadeesseera.

Walitti bu’iinsa Sadaasa 2022 daangaa naannolee lamaan irratti mudateen lubbuun namoota 18 darbuufi kan biroo hedduu madaa’uu Addis Standard gabaasuun ni yaadatama. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button