ODUUSIYAASA

Oduu: Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti haleellaa hidhattoonni ‘Faannoo’ raawwataniin lubbuun namoota 9 darbe – Jiraattota

Finfinnee, Bitootessa 08/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti Kamisa Bitootessa 07, 2024 haleellaa “hidhattootni Faannoo” gandoota aanichaa sadi keessatti raawwataniin lubbuun namoota 9 darbuu fi manneen jireenyaa hedduu gubachuu jiraatoonni aanichaa Addis Standarditti himan.

Haleellaan kun kaleessa ganama barii sa’aatii 11:00 irraa eegalee gandoota Jiru Dadaa, Warreen Gabroo fi Maanqataa Waariyoo jedhamanitti gaggeeffamuu jiraattonni himaniiru. 

Jiraataan ganda Maanqataa Waariyoo maqaan isaa akka ibsamu hin barbaadne tokko Addis Standarditti akka himetti, haleellaa hidhattoonni ‘Faannoo’ ofiin jedhan Kamisa subii eegalee gandoota kunneen keessatti raawwataniin namootni sagal yoo ajjeefaman hedduun ammoo madaa’aniiru. 

Kana malees, manneen jireenyaa gandoota kanneen keessatti argaman hedduu gubachuu himaniiru. 

Namoota haleellaa kanaan ajjeefaman keessaa muraasa maqaadhaan Boggaale Jimaa, Ashabbiir Jimaa, Dassaalany Lammaa, Shimallis Muzeyiin fi Habtaamuu Tulluu kan jedhaman ta’uu kan eeran jiraataan kun, “daa’imni ganna 11 Shittaayee Dubbaala jedhamtuus rasaasaan rukutamtee madoofteetti,” jedhan. 

Ganda Maanqataa Waariyoo keessatti yeroo ammaa kanattis haleellaan itti fufuu dabalanii himaniiru. 

Jiraataan ganda Warreen Gabroo Addis Standard dubbise gama isaatiin, gandichatti haleellaa raawwatameen lubbuu fi qabeenya barbadaa’e dabalataan namoonni ukkaamfamanii fudhataman jiraachuu himan. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Daa’immanii fi jaarsolii fiigu hin dandeenye qabanii fudhatanii deemaniiru.”

Gandi Jiru Dadaa jedhamu keessattis “dhaabbilee amantii alaa manneen jireenyaa guutummaan guutuutti barbadaa’aniiru. Loowwan 400 ol ta’an saamamaniiru, bu’uuraalee misoomaa hedduus manca’aniiru” jedhe.

Jiraataan kun itti dabaluun, “namoonni hedduun lubbuu isaanii olfachuuf gara gammoojjii Abootee jedhamutti baqataniiru” jedhe. 

Dhimma kana ilaalchisee bulchaa aanichaa Obbo Shibashii Ayyaalaw argachuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne. 

Magaalaan naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa keessatti argamtu, akkasumas naannoo Amaaraan wal daangeessitu kun irra deddeebiin haleellaa wal fakkaataa keessummeessiti. 

Kanaan dura baatii Muddee 2023 keessa haleellaa hidhattoonni Faannoo aanaa Darraa keessatti raawwataniin lubbuun namoota 18 darbuu fi namootni jaha madaa’uu Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaase ture. 

Haleellaa gandoota aanichaa Iluu Goda Caffee, Deenyuu Wobensoo, Godimaa Sossorkaa fi Karraa Miti Koraa keessatti raawwatame kanaan namootni 18 yoo ajjeefaman, bulchaa ganda Godimaa Sossorkaa dabalatee hedduu madaa’aniiru.

Humnoonni “Faannoo” jedhanii of waaman kunneen gandoota aanichaa naannoo Amaaraa waliin wal daangeessan keessatti irra dedeebi’anii haleellaa garaagaraa raawwataniin walqabtee qonnaan bultoonni gara lafa qonnaa isaaniitti bobba’uun midhaan gahee sassaabachuu rakkachuu himatu. AS

Related Articles

Back to top button