ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti haleellaa hidhattoonni Faannoo raawwataniin lubbuun namoota 18 darbuu jiraattotni himan

Finfinnee, Muddee 29/2023 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti Dilbata darbe Muddee 24, 2023 irraa kaasee guyyaa lamaaf haleellaa “hidhattootni Faannoo” raawwataniin lubbuun namoota 18 darbuu fi namootni jaha madaa’uu jiraatoonni aanichaa Addis Standarditti himan.

Akka jiraattotni jedhanitti, haleellichi naannoo daangaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti raawwatame.

Jiraataan aanaa Darraa maqaan isaa akka ibsamu hin barbaadne tokko akka Addis Standard’f himetti, “hidhattootni kunneen [Faannoo] iddoowwan akka aanaa Marraabee, aanaa Waagiddii fi magaalaa Remaa irraa ka’uun daangaa Oromiyaa ce’anii haleellaa raawwatan,” jedhe. Akka jiraataan aanichaa kun jedhutti, haleellichi Muddee 24 waaree booda eegalee hanga Muddee 25 sa’aatii shanitti raawwatamaa ture. 

“Hidhattootni kunneen erga daangaa Oromiyaa keessa galanii ji’a tokko darbeera,” kan jedhu jiraataan kun, ganda Iluu Godaa Caffee jedhamuu keessatti kaampii waraanaa hundeeffachuu hima. 

Haleellaa guyyaa lamaaf gaggeeffameen ganda Godimaa Sossorkaa irraa namoonni 11, ganda Karraa Mitikoraa keessatti ammoo namootni torba ajjeefamuu hime. 

Hojjetaa mootummaa fi jiraataa aanaa Darraa kan biraa tokko akka Addis Standarditti himeen, haleellaan “meeshaa waraanaa gurguddaa kan akka diishqaan deeggarame” kun gandoota aanichaa Iluu Goda Caffee, Deenyuu Wobensoo, Godimaa Sossorkaa fi Karraa Miti Koraa keessatti raawwatamuu mirkaneessuun, haleellaa kanaanis namootni 18 ajjeefamuu fi bulchaa ganda Godimaa Sossorkaa dabalatee hedduu madaa’uu ibseera. 

Namoonni lakkoofsaan gara jaha ta’an miidhaa qaama jabaa irra gahee magaalaa guddoo aanichaa Gundoo Masqalitti hospitaala Darraa keessatti yaalaa argachaa akka jiran himeera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Namoota miidhaan irra gahee keessa bulchaan ganda Godimaa Sossorkaa fi hojjattoota caasaa nageenya mootummaa keessa hojjatan keessatti argamu,” jedhe. 

Akka jiraataan kun jedhutti, namoota kudha saddeet ajjeefaman keessaa dubartoonni lama kan argaman yoo ta’u, haleellaa kanaan walqabatee loowwan gara shantama ta’an irratti saamichi raawwatameera. 

Kana malees, sababa rakkoo nageenyaa aanicha keessatti yeroo dheeraaf mudachuu itti fufe kanaan adeemsa baruufi barsiisu gufachuu eereera. 

“Gareen hidhattoota finxaaleeyyiin kun gandoota aanichaa 41 keessa gandoota 10 irratti caasaa mataa isaanii hundeessanii jiru. Sababuma kanaan manneen barnoota aanichaa cufaadha. Gandoota 41 keessaa magaala guddoo aanichaa (Gundoo Masqal) irraa kan hafe manneen barnoota hundi cufaadha,” jedhe. 

Dhimma kana ilaalchisee bulchaa aanaa Darraa fi itti gaafatamummaa kominikeeshinii aanichaa dubbisuun yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne. 

Rakkoo nageenyaa humnoonni “finxaaleyyii Amaaraa” godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraa keessatti qaqqabsiisaa jiraniin walqabatee qonnaan bultoonni aanaa Darraa midhaan gahe sassaabbachuu rakkachuu Addis Standard jiraattota fi aanga’ota wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama.

Humnoonni “Faannoo” jedhanii of waaman kunneen gandoota aanichaa naannoo Amaaraa waliin wal daangeessan keessatti irra dedeebi’anii haleellaa garaagaraa raawwataniin walqabtee qonnaan bultoonni gara lafa qonnaa isaaniitti bobba’uun midhaan gahee sassaabachuu dadhabuu jiraattotni yeroos Addis Standard dubbise himaniiru.

Haleellaan humnoonni kunneen irra deddeebiin yeroo garaagaraatti raawwataniin hanga ammaatti lubbuun namootaa darbuu, manneen qonnaan bultoota gara 140 ta’anii abidaan gubachuufi qabeenyi hedduu barbadaa’uu eeruun, jiraattonni gandoota kanneen qe’ee isaanirraa buqqa’anii gara gandoota ollaafi magaalota biroo dheessuu himan.

Bulchaan aanaa Darraa Obbo Shibashii Ayyaalaw dhimma kana ilaalchisee Addis Standard irraa gaaffii dhiyaateef wayita deebisan, rakkoon aanicha keessa mudate ulfaataa ta’uu haa ibsan malee odeeffannoo dabalataa laachurraa of qusataniiru. AS

Related Articles

Back to top button