ODUUSIYAASA

Oduu: Waldaan Guutuu Wangeelaa Itoophiyaa haleellaa Horroo Guduruutti miseensota isheerratti raawwatame balaaleeffatte 

Finfinnee, Muddee 30/2023 – Waldaan Amantoota Guutuu Wangeelaa Itoophiyaa “haleellaa tasaa” fi ajjeechaa miseensota waldaa Guutuu Wangeelaa godina Horroo Guduruu Wallaggaatti argamtu irratti raawwatame balaaleffatte. Haleellaa kanaanis gaggeessaa waldaa fi barattoota dabalatee miseensonni waldichaa 8 ajjeefamuu ibsiteetti. 

Pirezidaantiin Waldaa Amantoota Guutuu Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Laakoo Badhaasoo dhimma kana ilaalchisee ibsa laataniin,  haleellaa kanaan namootni saddeet ajjeefamuu fi shan madaa’anii hospitaalatti akka argaman ibsaniiru. 

Haleellaa kanaan, Haabtaamuu Nigaatuu (gaggeessaa waldaa), Bayyanaa Xiiqii (hojjetaa eegumsa waldaa), Guddataa Fiixee fi Taaddee Mangashaa (daaqoon), Daammanaa Likkasaa fi Dhugaasaa Waakennee (muuziqeessitoota), barataa Abdii Xilaahun (faarfataa) fi barataa Obsaa Tarreessaa jedhaman lubbuun isaanii darbuu himaniiru.

Miidiyaalee garagaraa irratti namootni kun haleellaa diroonii raawwatameen ajjeefamuu isaanii kan gabaafame ta’uus, mootummaan haleellaan kun dirooniin kan hin raawwatamne ta’uu fi hidhattoota naannichatti argamaniin raawwatamuu ibsuu eeraniiru.  

Haata’u malee, haleellaan Wiixata darbe, Muddee 25, miseensota waldaa Guutuu Wangeelaa Baroo irratti raawwatame kun dirooniin kan raawwatame ta’uu Addis Standard tajaajilaa waldichaa fi jiraattota wabeeffachuun gabaase ture. 

Tajaajilaan gaggeessitoota waldichaa keessaa tokko kan ta’e tokko Addis Standarditti akka himetti, miseensonni waldichaa lakkoofsaan hedduu ta’an boqqolloo gahe dallaa waldichaa keessa sassaabaa otoo jiranii ganama gara naannoo sa’aatii 1:00tti haleellaa diroonii tasa raawwatameen namoota sassaabaa turan keessaa saddeet battaluma sanatti ajjeefamuu fi namoota sadi irratti miidhaa ulfaataa qaqqabuu himeera.

Dubbi himaan mootummaa federaalaa Laggasaa Tulluu yaada Rooyitars’f laataniin “haleellaa qilleensaa raawwatameera jedhame kun soba” jedhan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Hojjetaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) kan ta’an Badhaasaa Lammeessaa gama isaaniin, haleellaa kana ilaalchisee gabaasa isaan qaqqabuu fi qorachaa akka jiran Rooyitarsitti himan.

“Ajjeechaan kun qaama fi haala kamiinuu haa raawwatamu, waldaan keenya miidhaa gaheen gadda itti dhagahame ibsiti,” kan jedhan Paastar Laakoo Badhaasoo, “dhaabbilee walabaa ta’an kanneen akka Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gocha raawwatame qoratanii dhugaa argatan uummataaf ifa akka godhan” waamicha dhiyeessaniiru. AS

Related Articles

Back to top button