ODUUSIYAASA

Oduu: Ameerikaan haleellaawwan Godina Addaa Saba Oromoo fi Shawaa Kaabaatti raawwataman akka ishee yaaddeesse ibsite

Finfinnee, Bitootessa 26/2024 – Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo fi Godina Shawaa Kaabaa keessatti haleellaawwan raawwatamaniin lubbuun lammiilee darbuu, miidhaan qaamaa qaqqabuu fi buqqaatii lammiilee akka isa yaaddessu mootummaan Ameerikaa ibse.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasingaa, “qaamoleen kamiyyuu jeequmsa uumuun lammiilee qe’eerraa buqqaasuu hin qaban” jedhan. 

Ambaasaaddarichi itti dabaluun, lammiileef eegumsi barbaachisu akka taasifamuu fi rakkoo siyaasaa walxaxaafi rakkoo nageenyaa Itoophiyaa keessatti mul’achaa jiru furuuf mariin akka barbaachisu dhaamaniiru. 

Tibbana Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo Aanaa Jiillee Dhummuugaa keessatti “haleellaa qindaa’aa” hidhattootni Faannoo raawwataniin lubbuun namoota heddu darbuu Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaase ture. 

Jiraattoonni yeroos yaada isaanii Addis Standard’tti laatan, lakkoofsi namoonni haleellaa Bitootessa 09 eegalee guyyoota kurnaniif raawwatame kanaan lubbuu isaanii dhaban yoo xiqqaate 27 akka gahuufi kanneen 40 ol ta’an ammoo miidhaan qaamaa irra gahee hospitaala Adaamaa fi Sambateetti yaalamaa jiraachuu himan. ‘

Walitti bu’iinsa guyyoota kurnaniif Godina Addaa Saba Oromoo aanaa Jiillee Dhummuugaatti lubbuu namootaa dabalatee qabeenya irratti miidhaa ulfaataa geessise gara aanaalee godina Shawaa Kaabaatti babal’achuun lubbuu namoota dabalataa galaafachuus jiraattoonni Addis Standard’tti himaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti, godina Shawaa Kaabaa magaalaa Axaayyeetti haleellaa hidhattoonni Bitootessa 21, 2024 raawwataniin yoo xinnaate namoonni 8 ajjeefamanii, kanneen 20 ol ta’an ammoo madaa’aniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Namni miseensi maatii isaa Axaayyeetti ajjeefamuu Addis Standard’tti hime tokko, qaamolee haleellaa kana raawwatan hidhattoota Faannoo ta’uu dubbate. Jiraataan magaalaa Axaayyee kan biraan ammoo haleellicha kan raawwatan, “hidhattoota naannoo biraarra dhufan, Shaneedha” jechuun hime. AS

Related Articles

Back to top button