DALDALAODUU
Trending

Oduu: Baankiin Daldala Itoophiyaa maallaqni jalaa saamame birrii miiliyoona 801.4 ta’uu fi kana keessaa 78% deebisiisuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 26/2024 – Baankiin Daldala Itoophiyaa “rakkoo siistamii” Bitootessa 15, 2024 isa mudateen walqabatee maallaqa jalaa saamame birrii miiliyoona 801.4 ta’uu fi hanga ammaatti dhibbeentaa 78 deebisiisuu beeksiseera. 

Baankichi carraaqii maallaqa jalaa saamame deebisiisuuf taasisaa tureen sadarkaa irra gahee fi tarkaanfiin fudhatame ilaalchisee ibsa har’a laateen, ‘rakkoo siistamii’ mudateen maamiltoota 25,761 ta’aniin maallaqni baankichaa birrii miiliyoona 801.4 saamame keessaa hanga ammaatti birriin miiliyoona 623 (78%) deebifamuu ibseera. 

Yaalii guyyaa jalqabaa irratti taasifameen akkaawuntii maamiltoota 10,727 irraa birriin miiliyoona 41.6 deebisiisuu akka danda’ame kan ibse baankichi, yaalii goyyoota itti aananitti taasifameen akkaawuntii maamiltoota 15,008 irraa birrii miiliyoona 205.8 deebisiisu beeksiseera. 

Adeemsa kana keessatti maamiltoonni rakkoo guyyaa san mudate fayyadamuun maallaqa kan isaanii hin taane fudhatan 9,281 fedhii isaaniin maallaqa fudhatan [miiliyoona 223.5] guutummaa guutuutti kan deebisan yoo ta’u, kanneen 5,160 ta’an biroo ammoo maallaqa fudhatan [miiliyoona 149] walakkaan deebisuu ibsameera. 

Hojii torban darbe hojjetameen maamiltoonni baay’een fedhii isaaniin maallaqa fudhatan kan deebisan ta’uus, maamiltoonni 567 ta’an garuu hanga ammaatti maallaqa fudhatan birrii miiliyoona 9.8 akka hin deebisne baankichi ibseera. 

Maallaqa hanga ammaatti deebifameef garuu yuunivarsiitiwwan dabalatee qaamolee sadarkaa sadarkaan jiran galateeffateera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button