ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Somaaliyaan yaada MM Abiy Ahmad dhimma fayydama Galaana Diimaa ilaalchisee kaasan kufaa taasiste

Finfinnee, Onkoloolessa 18/2023 – Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad tibbana dhimma itti fayyadama Galaana Diimaa irratti ejjennoo mootummaa isaanii ifatti ibsuu isaanii hordofee biyyootni argama karra galaanaa Itoophiyaa walqabatee akka filannootti eeraman keessaa tokko kan taate Somaaliyaan yaadicha kufaa taasiste. 

Miidiyaan idil addunyaa Bluumbarg akka gabaasetti Somaaliyaan itti fayyadama Galaana Diimaa ilaalchisee yaada Ministira Mummee Abiy Ahmad irraa dhiyaatee kufaa taasisteetti. 

Ministritti Mummee Abiy Ahimad, dhimma kana irratti haasawaa tibbana taasisaniin Itoophiyaaf dhimmi Galaana Diimaa dhimma jiraachuu fi baduuti jechuun isaanii ni yaadatama. “Galaana Diimaa fi lagni Abbayyaa Itoophiyaaf dhimmoota murteessoodha. Wantoota ijoo guddina yookiin badiisa Itoophiyaa murteessaniidha.”

MM Abiy, Itoophiyaan karra galaanaa dhabuun ishii waldhabdee gara fuulduraatti uumamuu malu eeruun, Gaanfa Afrikaa irratti tasgabbii mirkaneessuuf dhimmi kun furamu akka qabu dubbatanii turan.

MM Abiy Ahmad haasaa isaanii keessatti biyyoota ollaa kan akka Eertiraa, Jibuutii fi Somaaliyaan filannoowwan argama karra galaanaa Itoophiyaa akka ta’an eeranii turan.

Yaada MM Abiy irraa kenname hordofee mootummaan Eertiraa ibsa gabaabaa baaseen dhimma Galaana Diimaa irratti qaama kamiinuu waliin akka hin mari’anne beeksisuun isaa ni yaadatama. 

Mootummaan Eertiraa akkuma yeroo hundaatti dhimmoota akkanaa irratti mariif kan hin teenye ta’uu mirkaneessuu barbaada jedhe ibsichi. Kana malees, qaamoleen wanti kun [dhimma Galaana Diimaa] nu ilaallata jedhan dhimmicha akka hin tuxxuqnees akeekkachiiseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ibsa mootummaa Eertiraa hordofee mootummaan Somaaliyaa gama isaatiin “Somaaliyaan qabeenya tarsiimoo ishee akka to’attu” ibsuun yaada Itoophiyaan dhiyeessite akka hin fudhanne beeksiseera. Kunis biyyoota filannoo argama karra galaanaa Itoophiyaa ta’uun eeraman sadi keessaa biyya yaadicha kufaa taasiste lammaffaa ishee taasisa. 

MM Abiy Ahimad haasaa isaanii keessatti Itoophiyaan buufata doonii ykn karra galaanaa argachuuf biyyoota ollaa isheef Hidha Haaromsaa yookaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa irraa gahee akka qabaatan taasisu akka dandeessu himuun isaanii ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button