ODUUSEERA FI HAQASIYAASA
Trending

Oduu: Ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti “qorannoon haqa-qabeessaa fi walabaa akka gaggeeffamu" Ameerikaan gaafatte

Finfinnee, Ebla 11/2024 – Qondaalli siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Battee Urgeesaa Ebla 09, 2024 halkan godina Shawaa Bahaa magaalaa Maqii keessatti rasaasaan ajjeefamuu hordofee dhaabbileen garaa garaa ajjeechaa raawwatame qaama walabaan akka qoratamu gaafachaa jiru. 

Dura Taa’aan Koree Dhimma Alaa Seeneetii Ameerikaa ibsa baasaniin, ajjeechaan raawwatame kan nama rifaasisu ta’uu ibsuun, “aanga’oonni mootummaa qaama idil-addunyaa qorannoo haqa-qabeessaa fi walaba ta’e akka gaggeessu taasisuu qabu” jechuun hubachiisaniiru. 

Itti dabaluun, “Naannoo Oromiyaatti ajjeechaa fi cunqursi siyaasaa seeraan ala raawwataman barmaatilee baraman ta’aniiru” jedhan.

Haaluma walfakkaatuun, Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Biiroon Dhimmoota Afrikaa ibsa gabaabaa baaseen, “ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti raawwatame irratti qorannoon guutuu ta’e akka gaggeeffamu” gaafateera.

Mootummaan Ameerikaa ibsa isaa kanaan, “maraammartoo jeequmsaa cabsuuf haqni fi itti gaafatamummaa murteessaadha,” jedhe.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gama isaatin ibsa kaleessa baaseen, ajjeechaa raawwatame irratti “qorannoon hatattamaa, walabaa fi guutuu ta’e akka gaggeeffamu” gaafachuun isaa ni yaadatama.

Qondaalli Olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Battee Urgeessaa Kibxata galgala magaalaa Maqii keessatti hoteela qabatan keessaa baafamanii ajjeefamuun reeffi isaanii Roobii ganama daandiirra gatamee argamuu maatiin Addis Standarditti himeera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Paartiin isaanii ABO ajjeechaa kana balaaleffachuun “ajjeechaan seeraan ala namoota dammaqinaan socho’an irratti raawwatamu waggoota kurnan darban keessatti gocha sirnaawaa fi itti gaafatamummaa hin qabne Oromoo callisiisuuf godhamu ta’eera,” jedhe.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas ajjeechaa kana kan balaaleeffatuufi “adeemsa qorannoo seeraa hordofee uummataaf kan ifoomsu” ta’uu eeruun, “hanga qaamni nageenyaa qorannoodhaan adda baasee uummataaf ifoomsutti itti gaafatamummaa ajjeechaa kana qaama kamiifuu kennuun hin danda’amu,” jedheera. AS

Related Articles

Back to top button