ODUUSIYAASA

Oduu: Baahirdaaritti humnoota mootummaa fi ‘Faannoo’ gidduu walitti bu’iinsa “meeshaalee gurguddaan deeggarame” mudate 

Finfinnee, Bitootessa 01/2024 – Naannoo Amaaraa, magaalaa Baahirdaaritti, Kamisa Guraandhala 29, 2024 irraa eegalee humnoonni nageenyaa mootummaa fi hidhattootni ‘Faannoo’ jedhaman gidduu walitti bu’iinsi gaggeeffamaa jiraachuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraataan magaalaa Baahirdaar maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko Addis Standard’tti akka himetti, kamisa galgala naannawaa “Abbaay Maadoo” fi “Qabalee 14” jedhamutti dhukaasni dhagahamuu kan eegale yoo ta’u, magaalittii keessa naannoo ‘Diyaaspooraa” jedhamutti sagaleen dhukaasa meeshaalee gurguddoo dhagaamaa akka ture hime. 

Ergasii walitti bu’iinsichi hammaatee  yeroo ammaa kana magaalattii keessatti sochiin geejjibaafi tajaajilli baankii akka hin jirree, akkasumas jiraattonni mana isaanirraa bahaa akka hin jirre dabalee himeera.  

Kana malees, balaliin Finfinnee irraa gara Baahirdaaritti godhamus har’a ganama irraa eegalee akka danqamee jiru Addis Standard mirkaneesseera.

​Barataan Yuunivarsiitii Baahirdaar Addis Standard dubbise tokkoos, kamisa galgala dhukaasni dhaga’amaa akka ture himeera. Itti dabaluudhaan, hojjettoonni yunivarsiitichaa gara mooraa yuunivarsiititti akka hin dhufne, akkasumas daree fi kaaffeen cufamanii akka jiran ibseera.

Biiroon Komunikeeshinii Naannoo Amaaraa ibsa har’a baaseen, Raayyaan Ittisa Biyyaa qaamoleen nageenyaa biroo waliin ta’uun miseensota “garee finxaaleyyii” magaalattii seenan manaa manatti sakatta’uu fi to’annaa jala oolchuuf bobba’uu ibseera.

Biirichi, “yeroo ammaa kanatti magaalaan Baahirdaarii fi naannoon ishee garee finxaaleyyii kana irraa qulqullaa’eera” jechuun ibse.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ibsichi gareewwan finxaaleeyyii kunneen “tarkaanfii humnoota nageenyaa mootummaa dandamachuu hin dandeenye” jechuun, hidhattoonni [Faannoo] “meeshaa waraanaa isaanii dhiisanii magaalattii gadhiisanii bahaniiru” jedhe.

Naannoo Amaaraa keesstti guyyoota darbaniin humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota ‘Faannoo’ gidduutti lolli cimaan deebi’ee eegalameera.

Dhuma torban darbe irraa eegalee godina Goojjam Lixaa fi Kaabaa, Shawaa Kaabaa, fi Wolloo Kaabaa keessatti walitti bu’iinsi irraa deebiin eegaleen walqabatee daandiin cufameera. Keesumaa iddoowwan akka Gondar, Meraawwii, Dagaa Daamot, Shawaa Roobit, Antsokiyaa Gamzaa, fi Laalibalaattis lolli hammaateera. AS

Related Articles

Back to top button