ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Manni Murtichi Artist Lij Yaareed hidhaa salphaa waggaa tokkoon akka adabamu murteesse

Finfinnee, Bitootessa 01/2024 – Artisti Yaareed Zalaalam Baalchaa ykn Lij Yaareed jedhamuun beekamu himannaa “haasaa jibbiinsaa” irratti dhiyaateen hidhaa salphaa waggaa tokko fi qarshii kuma lamaan akka adabamu murtaa’e. 

Kabaja fi maqaa gaarii mana amantaa xureessuu, akkasumas haasaa jibbiinsaa taasisuun shakkamee Hagayya 31, 2023 to’annoo jala kan oole Lij Yaareed, dhimmi isaa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddacha Farra Shororkeessummaa fi Dhimmoota Heera-mootummaa 1ffaatti ilaalamaa tureera. 

Abbaan Alangaa Federaalaas himata sadi; tumaalee yakka kompitaraan raawwatamu cabsuu, kabaja fi maqaa gaarii mana amantaa xureessuu, akkasumas haasaa jibbiinsaa taasisuu jedhan irratti dhiyeesseera. 

Himatamaanis yakka himannaa kana keessatti ibsaman hin raawwanne jechuun jecha isaa kan laate yoo ta’u, abbaan alangaa gama isaatin ragaalee yakkichi raawwatamuu agarsiisu jedhe dhiyeesseera. 

Ergasii himatamaan Lij Yaareed ragaalee ittisaa kan dhiyeesse ta’uus, ragaa abbaan alangaa dhiyeesse sirnaan ittisuu waan hin dandeenyeef, himatamaan yakka kana raawwachuu erga mirkanaa’ee booda murtiin adabbii itti kennameera. ‘

Gomaacha himatamaan eegumsa naannoof taasise, bulchaa maatii ta’uu fi kanaan dura yakka raawwate kan hin beekne ta’uu, akkasumas gocha raawwatameen walitti bu’iinsa miidhaa geessisu kan hin uumame ta’uu akka salphistuu adabbiitti qabameefi erga harkisaa qabame kaasee hidhaa cimaa waggaa tokko fi qarshii 2000n akka adabamu murteen darbeera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button