ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Oromiyaatti waggoota lama keessa lammiilee nagaa 100 ol humnoonni mootummaa fi hidhattootaan ajjeefaman: KMNI

Finfinnee, Guraandhala 24/2024 – Naannoo Oromiyaatti waggoota lamaan darban keessa humnoota mootummaa fi hidhattootaa haleellaawwan lammiilee nagaa irratti raawwataniin “dhiittama mirga namoomaa hamaa” raawwachuu isaanii Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) beeksise.

Komishinichi naannoo Oromiyaatti waggoota lamaan ALI Fulbaana 1, 2014 irraa eegalee hanga Onkoloolessa 30, 2016 argamanitti ajjeechaawwan seeraan alaa fi lammiilee nagaarratti raawwataman ilaalchisee gabaasa fuula 11 qopheesse kaleessa ifa godheera. 

Komishinichi akka ibsetti, gabaasni kun godinaalee Qeellam Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Gujii, Gujii Lixaa, Arsii, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Kaabaa fi Shawaa Bahaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibseera.

Naannoleen kunneen waldhabdee humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo, akkasumas hidhattoota al-idilee Amaaraa (yeroo baay’ee Faannoo jedhamuun beekama) gidduutti adeemsifamaa jiruun lammiileen nagaa hedduun seeraan ala ajjeefamuu, miidhaa hamaa fi salphaaf saaxilamuu, butamuu fi saamamuu isaanii KMNI beeksiseera.

Komishinichi sarbamiinsa mirgootaa lammiilee nagaarratti gahuuf akka sababaatti kan eere, gama humnoota nageenyaa mootummaa irraa “hidhattootaaf odeeffannoo fi lojistikii dhiyeessitu, akkasumas isin miseensa hidhattootaati” jechuun ta’uu ibse.  

Gama Waraana Bilisummaa Oromoo irraatis, “mootummaaf odeeffannoo kennaa jirtuu, miseensi maatii keessanii humna nageenyaa mootummaa keessa tajaajilaa jira” jechuun lammiilee nagaarratti sarbama mirgaa raawwatamuu kan eeru komishinichi, hidhattootni Amaaraas akkasuma lammiilee nagaa “Shanee deegartu” jechuundhaani fi gaaffii abbummaa lafaa kaasuun ajjeechaa kan raawwatan ta’uu kaaseera. 

Waggoota lamaan darban keessatti haleellaa humnoota mootummaa fi hidhattootni raawwataniin lammiileen nagaa 100 ol ajjeefamuu kan eere gabaasichi, “sarbama mirga namoomaa kunneen ta’e jedhamanii kan raawwataman” ta’uu mirkaneessuu ibseera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Komishinichi qaamoleen walitti bu’iinsa keessa hirmaachaa jiran hundu haal duree tokko malee dhukaasa dhaabuun waldhabdee uumameef furmaata akka laatan, akkasumas mootummaan qaamolee yakka raawwatanii fi raawwachiisan irratti qorannoo gaggeessuun adeemsa himannaa akka eegalu waamicha dhiyeesseera. AS

Related Articles

Back to top button