DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Hongee fi weerara dhibeewwan Oromiyaa keessatti hammaateen jiraattonni beela fi du’aaf saaxilamaa jiraachuu UN ibse

Finfinnee, Onkoloolessa 11/2023 – Naannoo Oromiyaa keessatti sababa hongee fi weerara dhibee Busaa fi Kooleeraatiin walqabatee jiraattonni beela fi du’aaf saaxilamuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (UNOCHA) beeksise. 

Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa kun gabaasa haaraa baaseen, naannoo Oromiyaa iddoolee garaagaraatti hongee, weerara dhibee kooleeraa fi busaatiin walqabatee jiraattonni beela, dhibee fi du’aaf saaxilamuu addeesseera. 

Hongee godina Harargee Lixaatti ji’oota Adoolessa fi Hagayyaa keessa mudateen maatiiwwan 70,000 ta’an oomisha midhaan birraa dhabaniiru jedhe. Akkasumas, omishni Sadaasa hamma Amajjii jiru waan hubameef lakkoofsi namoota gargaarsa namoomaa barbaadanii kan tilmaamamee ture 181,740 irraa kan caalu ta’uu dabalee himeera. Raabsaa gargaarsa namoomaa Waxabajjii keessa addaan cituun haala jiru hammeesseeras jedhe.   

Kana malees, hokkora waggoota lamaan darban keessa mudateen walqabatee godinaalee Gujii Lixaa fi Gujii keessaa namoonni buqqaafamuu ibsameera. Walitti bu’iinsa Hagayya 2023 keessa mudateen walqabatee namoonni 89,096 ta’an aanota afur keessaa buqqaafamuu gabaasni kun addeessa. Taateen kun rakkoo buqqaatota 148,459 kanaan dura godinicha keessa jiran kan gargaarsa namoomaa barbaadan kan hammeessuu ta’uu eerameera.

Akkasumas, jiraattonni godina Gujii Lixaa 159,400 ta’an sababa jijjiirama qilleensaatiin omishni midhaan isaanii hir’ate ji’oota itti aanan jahaa hamma saddeetiitiif gargaarsa namoomaa ni barbaadu. 

Gama biraatin, gochaan buqqaatota gara qe’ee isaaniitti deebisuu godina Horro Guduruu Wallaggaatti eegalamuu kan ibse gabaasichi, buqqaatonni 150,000 ta’an qe’ee isaaniitti deebi’an sababa manneen isaanii barbadaa’ee jiruuf gargaarsa da’oo fi meeshaalee biroo akka barbaadan ibseera.

Buqqaatoonni Lixa Oromiyaa, keessattuu godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaatti sababa rakkoo nageenyaan qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’anii kaampii buqqaatota keessa jiraachaa turan ji’a afur dura kaampii keessa turan irraa akka bahan godhaman rakkoo nyaataa fi dhukkuboota garaagaraa dabalatee rakkoo hawaasummaa guddaaf saaxilamaa jiraachu Addis Standard tibbana gabaasuun isaa ni yaadatama.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

OCHAn gabaasa Biiroo Fayyaa Oromiyaa baasee wabeeffachuun Fulbaana 18 hamma Fulbaana 24tti dhibeen Busaa naannicha keessa dabaluu ibseera. Namoonni 41,591 dhukkubichaan qabamuun torba lubbuun darbeera. 

Amajjii 2023 dura namoonni dhukkuba busaatiin qabaman 774,519 yoo ta’u namoonni 180 du’uu yaadachiiseera. Namoonni dhibeen irratti argame keessaa harka 70 kan ta’an Lixaa Oromiyaa godinoota Lixa Wallaggaa fi Qeellam Wallaggaa kan jiraataniidha. 

Rakkoon maallaqaa, hir’ina meeshaalee fayyaa, rakkoo nageenyaa fi hubannoon hawaasaa gadi aanaa ta’uun haala jiru hammeessaa jiraachuun ibsameera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button