ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Ajjeechaa Battee Urgeessaan walqabatee shakkamtoonni 13 to’atamuu poolisiin beeksise

Finfinnee, Ebla 12/2024 – Ajjeechaa qondaala siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Battee Urgeessaan walqabatee shakkamtoonni 13 to’atamuu Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Bahaa beeksise.

Ajjeechaa kana qorachuuf gareen qorannoo hundaa’ee hojiitti galuu hogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Bahaa Gargaaraa Komishinara Taarikuu Dirbaabaa OBN’tti himaniiru. Yakki kun adeemsa qorannoon adda baafame hanga ifoomutti hawaasni obsan akka eegatuus dhaamaniiru.

Obbolaa Battee Urgeessaa kan ta’an Miiloo fi Simboo warra hidhaman keessaa akka argaman gabaasaaleen garaa garaa bahaa jiranis, obbolaan isaanii ”yaada kennuuf isaan bira jiraachuu” hogganaan Qajeelcha Poolisii magaala Maqii Komaander Mahaammad Suufaa BBC’tti himaniiru. 

Akka BBCn gabaasetti, Simboon kamisa galgala kan gadhiifamte yoo ta’u Miiloon ammallee to’annoo Poolisii jala jira. 

Komaandar Mahaammad obbolaan Obbo Battee ”shakkamtoota kana keessaa miti” jedhan. Jechi ”shakkamtoota to’annoo poolisii jala jiran jedhus isaaniin hin ilaallatuu” jedhan. Sababni qabamaniif miidiyaa hawaasaa gubbaa dubbiin ”maatii gidduu dhibdeen ture” jedhu adeema waan jiruuf isuma qulqulleeffachuufi jedhan.

Obbo Batteen Kibxata halkan rasaasaan kan ajjeefaman yoo ta’u, reeffi isaas Roobii ganama argame. Miseensi maatii isaanii tokko Addis Standarditti akka himanitti, Battee Kibxata halkan kutaa hoteela qabatan keessaa baafamuun ajjeefaman.  

Miseensi maatii kun itti dabaluudhaan warri isaan ajjeesan “humnoota nageenyaa mootummaa fakkaatu” jedhan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa Roobii galgala baaseen,ajjeechaa Obbo Battee Urgeessaa irratti raawwate ilaalchisee “ololli itti gaafatamummaa isaa mootummaadhaaf kennuuf deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hin qabnedha” jedhe.

Ibsichi dabaluun Obbo Battee Urgeessaan magaalaa Maqii keessatti “qaamolee eenyummaan isaanii hin beekamneen” ajjeefamuu eeruun, “gochaan kun qaama kamiinuu yoo raawwate bu’uura kamiinuu fudhatama kan hin qabnedha” jedhe.

Ajjeechaa Battee Urgeessaa hordofee Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen, ajjeechaa raawwatame irratti “qorannoon hatattamaa, walabaa fi guutuu akka gaggeeffamu” gaafateera.

Komishinichi ibsa isaatin, aanga’oonni Naannoo Oromiyaa fi Federaalaa qorannoo gaggeessanii qaamoleen ajjeechaa kana raawwatan seeratti akka dhiyeessan hubachiiseera.

Paartiin isaanii ABO ajjeechaa kana balaaleffachuun “qorannoo haqa-qabeessaa akka gaggeeffamu” gaafateera. 

Mootummaan Ameerikaa fi Yunaayitid Kingidamis ibsa mataa mataa isaaniin baasaniin, ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti “qorannoon hatattamaa, walabaa fi haqa-qabeessaa akka gaggeeffamu” gaafataniiru. 

Sirni awwaalcha Battee Urgeessaa guyyaa kaleessa iddoo dhaloota isaanii magaalaa Maqiitti mana amantaa Masarata Kiristoositti raawwatameera. AS

Related Articles

Back to top button