DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Hojjettoonni Warshaa Gogaa Itoophiyaa harkifannaa mindaan walqabatee rakkoof saaxilamuu himan

 Finfinnee, Bitootessa 13, 2024 – Waggoota dheeraaf oomisha gogaa irratti hirmaachuun al-ergii biyyaa guddisuun guddina dinagdee biyyaaf gumaacha guddaa buusaa kan jiru Warshaan Gogaa Itoophiyaa erga yeroo dhiyoo asitti mindaa hojjettoota isaaf kaffaluu harkifachuun hojjettootni warshichaa rakkoof saaxilamuu hojjettoonni Addis Standard dubbise himaniiru. 

Warshaan godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti argamu kun hojjettoota dhaabbataa 350 ol qaba. Haata’u malee, hojjattoonni warshichaa mindaa ji’aa kan argatan guyyaa mindaan ji’aa isaanii itti kaffalamuu qabu darbee ji’a itti aanuu irratti ta’uun walqabatee rakkoo hawaas-dinagdeef garaagaraaf saaxilamuu Addis Standarditti himaniiru. 

Hojjetaan dhaabbaticha keessatti waggoota dheeraaf hojjete maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko, “sababa hin beekamneen” yeroo dheeraaf mindaan guyyaan kaffaltii darbee argachaa jiraachuu Addis Standard’tti hime.

Rakkoo harkifannaa mindaa kana qaama dhimmi ilaallatu hundaaf kan beeksisan ta’uu kan hime hojjetaan warshichaa kun, deebiin isaaniif laatame garuu kan hin jirre ta’uu ibse. 

Hojjettoonni muraasaa rakkoo kana dandamachuuf hojii guyyaa dabalataa hojjechaa jiraachuu kan hime hojjetaan kun, namoonni rakkoo jiru kaasanii dubbatan irrattis “dhiibbaan garaagaraa” kan irra gahu waan ta’eef rakkoo jiru kana ifatti dubbachuuf sodaa kan qaban ta’uu dabalee eereera. 

“Bulchiinsi dhaabbatichaa rakkoon kun rakkoo bulchiinsa olaanaa ta’uu nutti hima malee rakkina kana furuuf tattaaffii hin taasisu. Qaamni olaanaa jedhame kunis eenyu akka ta’e hin beeknu,” jechuun himan.

Warshaan Gogaa Itoophiyaa waggootaaf mootummaan bulaa erga turee booda adeemsa mootummaan dhaabbilee misoomaa gara dhuunfaatti dabarsuuf murteesseen bara 2011 irraa eegalee abbaa qabeenyummaan isaa gara dhaabbata biyya Ingiiiz damee kanarratti bobba’e ‘Pitaardis’ jedhamutti darbeera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Hojjetaan dhaabbatichaa kan biraa gama isaaniin, dhaabbatichatti “rakkoon maallaqaa nu mudateera” jechuun mindaa hojjattootaa yerootti kafaluu dadhabuu kan himatu ta’uu himaniiru.

Sababni dhaabbatichi rakkoo harkifannaa mindaa kanaaf dhiyeessu amansiisaa akka hin taanees himu. “Hojiin hin jiru yooki immoo rakkoo maallaqaa kan jedhu sababa sirrii natti hin fakkaatu,” jedhan. 

Komii hojjettoonni warshichaa kaasan ilaalchisee hoji-gaggeessaan Warshaa Gogaa Itoophiyaa Obbo Girmaa Dagafuu Addis Standard’tti akka himanitti, rakkoon hojjettoonni kaasan sirrii ta’uu mirkaneessuun sababni warshichi mindaa yerootti kaffaluu dadhabeef “rakkoo hanqina maallaqaa” isa mudateen kan walqabtu ta’uu ibsaniiru. 

“Mindaan hojjattootaa kan hin kafalamiin hafe rakkoo hir’ina maallaqaa (liquidity) nu qunnameen walqabateeti. Har’aafi borutti ni kaffalama, rakkoon jiruus ni furama” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button