ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Somaaliyaan Ambaasaaddara Itoophiyaa gara Finfinnee deebifte; Waajjiraalee qoonsilaa Puuntlaand, Somaalilaand argaman cufte

Finfinnee, Ebla 04/2024 – Mootummaan Somaaliyaa, Somaaliyaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta’an Muktaar Mohaammad Waaree gara Finfinnee akka deebi’an taasiste. Kana malees, waajjiraalee qoonsilaa Itoophiyaa bulchiinsota Somaalilaand fi Puuntlaand keessatti argaman cufuu gabaafameera. 

Rooyitars maddeen lama wabeeffachuun akka gabaasetti, “Somaaliyaan kamisa darbe ambaasaaddara Itoophiyaa gara biyya isaanitti deebiftee ergiteetti. Akkasumas qoonsilaa lama bulchiinsa Puuntlaand fi Somaalilaand keessatti argaman cufteetti” jedhe.

Haa ta’u malee, Somaaliyaan waajjira qoonsilaa lamaan bulchiinsota ofiin of bulchan [Somaalilaandii fi Puuntlaand] keessa jiran akka cufaman dirqisiisuu akka dandeessu ifa hin taane. 

Maddi dhimmichatti dhihoo ta’an Addis Standarditti akka himanitti, Ambaasaaddar Muktaar murtee kana ilaalchisee hanga ammaatti ifatti wanta isaan qaqqabe hin jiru. Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaas dhimma kana ilaalchisee hanga ammaatti ibsa hin baasne.

Amajjii 01, 2024 Ioophiyaa fi Somaalilaand gidduutti waliigaltee walhubannaa Itoophiyaaf buufata waraanaa liiziidhaan akka argattu taasisu fi Somaalilaandiif ammoo beekamtii idil addunyaa argamsiisa jedhame mallatteeffamu hordofee hariiroon dippilomaasii Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu ture gara waldhabdeetti jijjiirameera. 

Somaaliyaan, waliigalteen kun “abbaa biyyummaa fi tokkummaa daangaa koo kan sarbu” jechuun mormiteetti. Tarkaanfiin kun biyyoota adda addaa irraas deebii garagaraa akka laatamu kan taasise yoo ta’u, baay’een isaanii abbaa biyyummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa akka deeggaran ibsaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button