ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: WBO irratti tarkaanfii cimaa fudhachaa jirru cinaatti rakkoon jiru nagaan akka furamuuf gumaachaa jirra – Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Bitootessa 11/2024 – Raayyaan Ittisa Biyyaa erga waraanni Tigraay waliigalteen xumurame booda, keessattuu baatilee jahaan darbaniif Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irratti “tarkaanfii cimaa” fudhachaa jiraachuu Ajajaan Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa dubbatan. 

Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan gaaffiif deebii EBC waliin taasisaniin, marii marsaa lammaffaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduu Taanzaaniyaatti gaggeeffame irratti “gama WBOrraa gaaffilee sirna heera mootummaa fi mootummaa amma jiru diigu dhiyaachuu isaatin” waliigaltee malee goolabamuus ammallee marii marsaa sadaffaaf qophii ta’uu himaniiru. 

“Baatilee jahaan kana keessatti WBOn sadarkaa gaariirra hin jiru. Tarkaanfii cimaa fudhachaa jirruun cinaatti ammoo rakkoon jiru nagaan akka furamuuf qooda mataa keenyaa taphachaa jirra. [WBOn] dirree waraanaatti injifatameeyyuu, ilaalchi isaa hanga jiraateetti ammallee mariin marsaa sadaffaa godhamee nageenyi akka dhufu otoo godhan gaariidha,” jedhan. 

Qormaata biyyattii mudachaa jiru keessaa inni ijoo qaamolee hidhannoo qabatanii socho’an waliin walqabataa kan jedhan qondaalli waraanaa olaanaa kun, sochiin qaamolee fedhii isaanii hidhannoodhaan mirkaneessuu barbaadan biyyattii irratti balaa diigumsaa danqeera jedhan. 

Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa kutaalee biyyattii garaa garaatti tarkaanfii fudhatuun dirooniidhaan uummata nagaa haleeleera jechuun himata dhiyaatu ilaalchisee gaaffii dhiyaateef, ”uummata dirooniidhaan rukunnee hin beeknu. Nuti qorannoorratti hundaa’uun farreen nageenyaa hidhatanii fi qindaa’anii socho’an irratti xiyyaafanna malee uummata haleellee hin beeknu,” jedhan.

Itti dabaluun, ”dirooniin keenya shanee yookiin ammoo jaawwisaarratti xiyyeeffata malee uummatarra kan bu’u miti. Uummanni Oromoos ta’e Amaaraa kana ni beeka” jedhan. 

Fiild Maarshaal Birhaanuun dhimma Somaaliyaa ilaalchisee yaada isaanii yeroo laatan, biyyi Somaaliyaan walakkaa ol nageenyishee kan eegamu Raayyaa Ittisaa Itoophiyaatin ta’uu eeruun, ”mootummaan Somaaliyaan nagaadhaan Moqaadishoo kan taa’u Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa waan achi jireefi,” jedhan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Itti dabaluun, ”Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa osoo bor Somaaliyaa gadhiisee ba’ee mootummaan federaalaa Somaaliyaa waan Moqaadishootti hafu natti hin fakkaatu,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button