ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaan haasawaa Ergamaan Addaa Somaaliyaa Mana Maree Nageenyaa UN’tti taasisan akka ishee gaddisiise ibsite

Finfinnee, Guraandhala 22/2024 – Guyyoota muraasa dura Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti argamuun ejjennoo mootummaa isaanii kan dhageessisan UN’tti Ergamaa Addaa Somaaliyaa Abukaar Osmaan, haasawaan taasisan “soba” jechuun Itoophiyaan qeeqxe. 

Mootummaan Itoophiyaa ibsa karaa waajjira ergamaa dhaabbataa Itoophiyaa Niiw Yoorkitti argamuutin baaseen, haasawaan ergamaa addaa Somaaliyaa taasisaniin gadduu ibseera.  

UN’tti ergamaa addaa Somaaliyaa kan ta’an Abukaar Osmaan, “waliigalteen mootummaan Itoophiyaa karra galaanaa argachuuf jecha Somaalilaand waliin mallatteesse abbaa biyyummaa fi walabummaa Somaaliyaa sadarkaa idil addunyaatti fudhatamummaa qabu kan sarbeedha,” jechuun morman.

“Itoophiyaan lafa Somaaliyaa irratti buufata waraanaa kan hundeessitu yoo ta’e, Somaaliyaa fi ummata ishee irratti waraana akka labsitetti ilaalama,” kan jedhan Abukaar Osmaan, gochi Itoophiyaan kun “duula waggoota kurnan sadiif al-Shabaab irratti gaggeeffamee bu’aa argame duubatti kan deebisuuti” jechuun akeekkachiisaniiru.

Ergamaa dhaabbataa Itoophiyaan ibsa isaatin, “haasawaan Ergamaan Addaa Somaaliyaa taasisan soba fi bu’uura kan hin qabne ta’uurra darbee, himannaa sobaa aanga’oonni mootummaa Somaaliyaa Itoophiyaa irratti dhiyeessan waliin kan walqabatuudha,” jechuun qeeqe.

Waliigalteen Somaalilaand waliin taasifamees adeemsa idil-addunyaa kan hordofe fi adeemsa kiraa lafaa biyyoonni biroo karra galaanaa argaachuuf raawwataniin kan wal fakkaatu ta’uu kaaseera. 

Oduu walqabatuun, Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Barreessituu Itti aantuu Dhimmoota Afrikaa kan ta’an Moolii Fii fi Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayik Haamer waliin ta’uun ibsa kaleessa Guraandhala 21 laataniin, hoggantoonni Itoophiyaa fi Somaaliyaa waldhabdee gidduu isaanii uumame akka tasgabbeessan dhaamaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Moolii Fiin Finfinnee fi Moqaadishootti argamuun hoggantoota biyyoota lamaanii waliin mari’achuu fi haala gaariitti akka wal qunnaman gargaaruuf yaaluu isaanii eeruun, waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa Somaalilaand gidduu mallatta’e hordofee waldhabdee naannichatti uumame furamu akka qabu hubachiisaniiru. 

“Itoophiyaan buufata doonii tajaajila daldalaaf oolu argachuuf yaalii taasiftu sirrii ta’us, kunis mootummaa Somaaliyaa waliin marii taasisuun karaa nagaa ta’een hojjetamuu qaba,” jedhan.

Dhimmi Somaalilaandii illee furmaata argachuu kan qabu uummata Somaaliyaa fi Somaalilaandiin malee “giddu seentummaa qaama alaatin ta’uu hin qabu” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button