ODUUSIYAASA

Oduu: Hidhabuu Abooteetti sababa walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi WBO gidduu gaggeeffameen lubbuun namoota nagaa 14 darbe

Finfinnee, Guraandhala 22/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Hidhabuu Abooteetti sababa wal waraansa humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu gaggeeffameen namootni nagaa 14 ajjeefamuu fi kanneen 10 ol ta’an madaa’uu jiraattotni Addis Standard’tti himan. 

Taateen walitti bu’iinsaa lubbuu namoota nagaa galaafate kun “meeshaalee gurguddoon deeggaramee” magaalaa Ejeree, akkasumas gandoota Koobee Goddee fi Lalluu keessatti dhuma torban darbe keessa guyyoota walitti aanan sadiif gaggeeffamuu jiraattotni Addis Standard dubbise himaniiru. 

Jiraataan magaalaa Ejeree, magaalaa aanaa Hidhabuu Abootee keessa argamtu, sababa yaaddoo nageenyaaf maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko Addis Standard’tti akka himetti, magaalittii keessatti Dilbata darbe “obboroo irraa kaasee hanga sa’aatii torbaatti waraana cimaa gaggeeffame gidduutti lubbuun namoota nagaa torba darbuu fi namoota biroo irrattis miidhaan qaamaa qaqqabeera.” 

Namoota gaafas ajjeefaman kunis barataa kutaa 12ffaa hanga maanguddoo umrii 70 ta’uu eeruun, walitti bu’iinsa kana gidduu nama abbaa ijoollee shanii ta’e tokkoos ajjeefamuu himeera. 

“Nageenyi naannoo keenya jiru baay’ee yaaddeessaadha. Uummanni karaa itti bahee galuu hin qabu. Magaalicha keessaa buufanni fayyaa, manneen barnootaa, tajaajilli geejjibaa fi gabaan hin jiru. Qaamoleen wal waraanan kun ammas waraanaaf of qopheessaa jiraachuu argaa jirra,” jedhe. 

Jiraataa ganda Lalluu Addis Standard dubbise gama isaatiin, wal waraansa walfakkaataa gandicha keessatti gaggeeffameen namootni saddeet ajjeefamuu hime. 

“Waraanni gaafa Kamisaa jalqabuus, waraanni guyyaa Jimaata eegalee hanga Sanbata itti fufee gaggeeffame garuu waraana cimaa meeshaalee gurguddaan deeggarameedha. Kanaan dura naannoo kanatti waraanni ni gaggeeffama, garuu kan akka kanaa nama hedduu miidhe hin agarre,” jedhe. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Namoonni walitti dhukaasa kana gidduu miidhaan irra gahees yeroo ammaa kana gara magaala guddoo godinichaa kan taate Fiicheetti geeffamuun hospitaala Fiicheetti yaalamaa jiraachuu himeera. 

Dhimma kana ilaalchisee hanga ammaatti qaamolee lamaanirraa waan ibsame kan hin jirre yoo ta’u, Addis Standard odeeffannoo dabalataa argachuuf yaalii qondaaltota godinichaa qunnamuuf taasise hin milkoofne.

Walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi WBO gidduu uumamuun godinni Shawaa Kaabaa gaaga’ama lubbuu fi qabeenya ulfaataa keessummeessaa jiraachuu Addis Standard yeroo garaa garaa gabaasaa tureera. Qaamoleen lamaan kana alattis sochiin hidhattoota naannoo Amaaraa ‘Faannoo’ jedhaman taasisan rakkoo nageenyaa dabalataa uumaa jiraachuu gabaafama. AS

Related Articles

Back to top button