ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Itoophiyaa keessatti yaaddoon yakka duguuggaa sanyii olaanaa ta’uu Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii akeekkachiise

Finfinnee, Onkoloolessa 11/2023 – Lola humnoota mootummaa federaalaa fi hidhattoota naannolee biyyattii garagaraatti argaman gidduu adeemsifamaa jiruun walqabatee Itoophiyaa keessatti ammallee yaaddoon duguuggaa sanyii fi yakkoota suukkanneessaa biroo raawwatamu danda’a jedhu bal’inaan jiraachuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Gorsituu Addaa Ittisa Yakka Duguuggaa Sanyii Waayrimuu Nidariituu akeekkachiisan.

Akka gorsituu addaan kun jedhanitti, sodaan duguuggaa sanyii kun Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti olaanaa ta’uu fi haalota duguuggaa sanyii raawwachuuf dandeessisan jiraachuu eeraniiru.

Yakkoota Itoophiyaa keessatti raawwataman ilaalchisee gabaasawwan nu gahan baay’ee kan miira namaa xuqaniidha kan jedhan gorsituun addaa kun, haala jiru ittisuuf atattamaan tarkaanfii fudhachuun barbaachisa jedhan. Hawaasni idil addunyaas dhimmichaaf xiyyeeffannoo addaa akka laatu waamicha dhiyeessaniiru. 

“Gabaasawwan nu gahaa jiran keessaa ajjeechaawwan maatii guutuu irratti raawwataman argamu. Kana malees, namootni ajjeechaa fi dararrii suukkanneessaa miseensa maatii isaanirratti raawwatamu ijaan akka argan ni godhamu. Dabalataan jiraataan qe’ee tokko guutuu buqqa’ee qabeenya isaa dhiisee akka godaanu taasifama,” jedhan.

Koreen Ogeessota Mirga Namoomaa Idil addunyaa (ICHREE) gabaasa Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti dhiyeesseen Itoophiyaa keessatti ammallee yakka waraanaa fi yakka namummaa irratti raawwatamu itti fufaa akka jiru ibsu isaa akka fakkeenyaatti kan kaasan Waayrimuu Nidariituu, biyyattii keessatti yakka duguuggaa sanyii fi sarbiinsa biroo akka hin raawwatamne gamanumaan ittisu akka barbaachisu hubachiisaniiru. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button