ODUUSEERA FI HAQASIYAASA

Oduu: Naannoo Amaaraatti namoonni nagaa 285 hidhattootaan butaman

Finfinnee, Bitootessa 07, 2024 – Namoonni nagaa naannawa hidha haaromsaatii hojii bosona mancaasuutiif naannoo Kibba Itoophiyaa godina Gaardullaatii gara naannoo Amaaraa imalaa turan 285 hidhattottaan butamuu godinichi beeksise.

Walitti qabaan mana maree godina Gaardullaa Obbo Birhaanuu Kunaaloo akka jehdetti, namoonni 246 kunneen jiraattota gandoota godinichaa garaagaraa yoo ta’an naannawa hidha haaromsaatii hojii muka muruufi bosona mancaasuuf kan bobbaafaman ta’uu eereera.

Namoonni kunneen naannawa hidha haaromsaatti haroo namtolchaa hojjatamuuf jiruuf bosona mancaasuuf kan ergaman ta’uu godinicha ibseera. Haaa ta’u malee, namoonni kunneen osoo imalaa jiranii naannoo Amaaraa keessatti ‘hidhattoota finxaaleyyiitiin” butamaniiru.

Namoonni butaman kunneen dhaabbata ijaarsaafi daldalaa Niikootikaa jedhamuun karaa seeraatiin kan qacaraman ta’uu eerameera. Namoonni kunneen jiraattoota gandoota Gaatoo, Ateeyaa, Giraashee, Shalaaleefi Holtee ta’uu ibsameerra.

Namoonni kunneen aanaa Daraasheetii 246fi aanaa Aleetii 39 kan konkolaataa uummataatiin hojiidhaaf gara naannoo Amaaraa ergamaniidha.

Namoonni kunneen imalanii naannoo Amaaraa akka seenaniin hidhattootaan butamuu ibsameera.

Gochaaan lammiilee nagaa ijaarsa hidha haaromsaatiif gumaachuuf deeman irratti raawwatme kuni “gaddisiisaafi sukaneessaadha” jechuun balaaleffateera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Namoonni kunneen hojjattoota humnaa ta’uu eeruun namoonni kunneen akka lammii biyya kanaatti socho’anii hojjachuuf kan bobba’an malee “kaayyoo adda ta’e biraa homaayyuu kan hin qabne” ta’uu addeesseera.

Namoota kanneen butuun dararuun akka waan namoonni kunneen kaayyoo biraatiif ergamanii fakkeessuun karaa miidiyaa hawaasaatiin odeessisuun ‘gochaa dogogoraati” jedheera.

Haa ta’u malee, gareen hidhattoota “Faannoo”, gamasaatiin namoonni kunneen humnoota mootummaan lolaaf bobbaafamaniifi kan lola keessatti booji’aman fakkeessuun agarsiisuu suur-sagalee miidiyaa hawaassaarraa arganne ni mul’isa.

Namoonni kunneen karaa nagaatiin gara qe’esaanitti akka deebifamaniif “qaamni dhimmi ilaallatu” tumsa akka taasisu ibsichi gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button