ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Godina Booranaa Aanaa Miyootti ajjeechaa milishoonni dargaggoo tokkorra raawwatan dheekkamsa kaase

Finfinnee, Bitootessa 07/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Booranaa aanaa Miyootti Kibxata Bitootessa 05, 2024 dargaggoon ganna 24 Qallaa Bonayyaa jedhamu qaamolee nageenyaa mootummaatin haala suukaneessaa ta’een reebamee ajjeefamuu jiraattota aanichaa biratti dheekkamsa kaase. Mootummaan aanichaa gama isaatiin, milishoota ajjeechaa raawwachuun shakkaman jaha to’annoo jala oolchuu ibseera. 

Miseensi maatii dargaggoo kanaa kan ta’an (maqaan isaanii kan dhokfame) Addis Standarditti akka himanitti, Qallaan hojii daldalaa irratti bobbahuun kan jiraatu ta’uu fi ajjeechaa qaamoleen nageenyaa (addatti milishoota mootummaa) irratti raawwatan maatii guutuu akka rifaasise dubbatan.  

“Galgala naannoo sa’aatii 2:00tti naannoo maazoriyaa irraa boba’aa bituuf nama waliin motoraan imalaa osoo jiruu hidhattoota mootummaan marfame qabame. Duraan dhukaasanii dhaabsisan, lammeessoo ammoo mukaan rukutanii lafa kuffisan. Achii booda tumuu eegalan. Mataa isaa buruqsan, harki mirga isaallee ciqilee olitti cabsan, kan mirgaallee rukutame. Mucaan wajjiin tures takka rukutanii jalaa miliqe,” jedhan. 

Namni dargaggoo Qallaa wajjiin ture bilbila harkaa qabuun uummatni naannawaa san jiru akka birmatuuf taasisuus, uummatni yeroo yaa’u garuu reebicha jaboo irra gaheen lubbuun Qallaa darbuu himan. “Gaaf nu geenyu lubbuun isaa hin jirtu ture. Mana yaalaattis geessine yaalchisnee reebichaan du’uu mirkaneessine.”

Bu’aan qorannoo reeffa irratti taasifame dargaggoon kun reebichaan ajjeefamu mirkaneesseera

Taatee ture ijaan arguu kan himu Addisuu (maqaan yaaddoo nageenyaaf kan jijjiirame) yaada Addis Standarditti laateen, eeruu miseensi maatii dargaggoo Qallaa Bonayyaa laatan mirkaneessuun “reebichi irratti raawwatame suukaneessaa ture” jedha.

“Hidhattoonni mootummaa akka tasaa isa marsuun motora irraa buusanii garaa jabinaan isa reebu eegalan. Ulee harkaa qabanii fi kophee isaaniin waan isa reebaa turaniif kan hafu hin fakkaatu ture. Namni yeroo itti yaa’uu eegalu, isaan motora isaa fudhatanii deeman. Yeroo bira geenyuus du’e arganne,” jedhe. 

Miseensi maatii dargaggoo Qallaa Addis Standard dubbise, sababni haleellaa kanaa raawwatamuuf “saamichaaf” ta’uu ragaalee agarsiisan jiraachuu himu. “Milishoonni kun erga isa reebanii booda birrii daldalaa kiisii keessa qabu fudhatanii deeman. Motora isaas fudhatanii kaampii galchaniiru,” jedhan. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ajjeechaa kana hordofee kaleessa ganama jiraattonni aanaa Miyoo hiriira bahuun qaamoleen nageenyaa ajjeechaa kana raawwatan seeratti akka dhiyaatan gaafachuu eeran. “Uummatni hiriira bahee haga qaama ajjeechaa raawwate seeratti dhiyaatutti hin awaallu jedhe. Qaamoliin mootummaas dhufanii ‘namoonni yakka raawwatan to’annoo jala oolaniiru, isaan keessaas afur raawwachuu isaanii amananiiru’ jechuun uummata hiriira baheetti himan.”

Aanicha keessatti ajjeechaan walfakkaataan irra deddeebiin uummata nagaa kan raawwatamu ta’uun isaa uummata dheekkamsiisu kan kan namni Addis Standard dubbise kun, “Kibxata galgalallee yeroo dargaggoon Qallaa Bonayyaa haala kanaan ajjeefamu dargaggoonni saddeet biroo ganda biraa keessatti milishootaan dararamaa turan,” jedhu.

“Namni nagaa cufti kan du’aa jiruuf qaamolee nageenyaa faayidaa dhuunfaaf jecha saamicha raawwataniini. Uummatni sababa kanaan jiraachuu dadhabeera. Aanga’oota mootummaafis beeksifneerra, isaanis ni beeku. Garuu furmaanni hin jiru. Sababa kanaaf amma hiriiraan sagalee dhageessisaa jirra,” jedhan. 

Dhimma kana ilaalchisee Addis Standard bulchaa aanaa Miyoo Obbo Aschaaloo Yohaannisii fi hogganaa waajjira milishaa aanaa Miyoo Obbo Boruu Waaqoo qunnamuuf yaaliin taasise, “hawaasa aanichaa waliin walgahiirra waan jiraniif” hin milkoofne.  

Haata’u malee hiriira mormii jiraattota aanichaa hordofee kominikeeshinii aanaa Miyoo ibsa kaleessa galgala baaseen, dargaggoon Qallaa Bonayyaa milishoota eegumsarra turaniin ajjeefamuu mirkaneessuun, qaamoleen gocha kana raawwatan jedhamanii shakkaman 6 to’annoo seeraa jala ooluun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu beeksiseera. 

“Gochaan raawwatame kan mootummaa bakka hin buunee fi fedhii dhuunfaaf jedhamee kan raawwateedha,” kan jedhe kominikeeshiniin aanichaa, qaamoleen gocha kana keessaa harka qaban seeraan qoratamanii murtii maluuf akka argatanii fi gochaan akkanaa akka deebi’ee hin rawwatamneefis kan hojjatamu ta’uu ibseera. 

Miseensonni milishaa hojii itti kenname sirnaan raawwachaa jiran akkuma jiranitti ta’ee kanneen haala “gita hojii isaaniitiin faallaa ta’een reebicha, doorsisa fi malaanmaltummaan uummata dararaa jiran” xiqqoo hin jedhamne jiraachuu Addis Standard jiraattonni godinaalee Oromiyaa adda addaa wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button