DHIMMA HAWAASAAXIINXALA ODUU
Trending

Xiinxala Oduu: Miseensonni “gaachana sirnaa” fi milishaa nagaa eegsisuuf bobba’an mootummaa xixiqqoo nutti ta’an: Jiraattota

Finfinnee, Hagayya 24/2023 – Mootummaan Naannoo Oromiyaa kaayyoo “nageenya naannicha cimsuu” jedhuun Naannoo Oromiyaatti qaamolee “gaachana sirnaa” jedhamanii fi milishaa kan hojii nageenyaa fi tasgabbii naannichaa akka tumsaniif erga hundeesse waggaa tokko ol lakkoofsiseera.

Caasaalee haaraa mootummaan naannichaa kaayyoo kanaaf dabale keessaa waajjirri milishaa kan Labsii Lakk. 242/2014 hundaa’e fi Gaachanni Sirnaa kan Labsii Lakk. 245/2014 hundaa’e isaan ijoodha. Wixineen Labsii Gaachana Sirnaa Naannoo Oromiyaa Murteesuuf Bahe Labsii Lakk. 245/2014 ta’ee akka hojiirra ooluuf Bitootessa 22, 2022 Caffee Oromiyaatiin ragga’uun isaa ni yaadatama.

Akka mootummaa naannichaatti, qaamoleen kunneen hojiimaata seeraan alaa fi qaamolee farra nageenyaa akka too’ataniif leenji’anii kan ramadamaniidha.

Haa ta’u malee, miseensonni milishaa hojii nageenya eegsisuu itti kenname sirnaan raawwachaa jiran akkuma jiranitti ta’ee kanneen haala “gita hojii isaaniitiin faallaa ta’een gochaawwan farra nageenyaatiif sababa ta’aa jiran” muraasa jiraachuu jiraattonni godinaalee Oromiyaa adda addaa Addis Standard dubbise himaniiru. Qaamoleen kunneen naamusa qaamni nageenyaa tokko qabaachuu qabu dhabuu, akkasumas malaammaltummaa fi gochaa seeraan alaa kan raawwatan ta’uu jiraattonni himu. 

Jiraataa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaa kan maqaan isaa akka hin eeramne gaafate “milishaa wajjiin muuxannoo gaarii hin taane na qunnameera” jedhu akka Addis Standardiif himetti, miseensonni humna nageenyaa kunneen sarbiinsa mirgaa irraan gahuu hima.

“Rakkoon guddaan qaamolee nageenyaa kunneen qaban naamusa qaamni nageenyaa tokko qabaachuu qabu gonkumaa hin qaban. Qaamoleen kunneen akkaataan isaan ittiin jiraataa dubbisanii fi hojii  tasgabbii eegan sirrii miti,” jiraataa kanatu jedhe.

Qaamoleen nageenyaa kunneen yeroo baay’ee humnaan reebicha, sodaachisoo, tuffii fi arrabsoo hawaasarraan kan gahan ta’uu jiraataan kun himeera. Kana malees, miseensonni qaamolee kanneen keessaa gita hojii isaanii dahoo godhachuun namoota dhuunfaa fi daldaltota sodaachisuun malaammaltummaa fi saamicha garaagaraa kan raawwatan jiraachuu dubbateera. “Hojii tikaa sababeeffachuun iddoo garaagaraatti qarshii gaafatu,” jedheera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Jiraataan kun Fulbaana bara 2022 keessa galagala tokko naannoo sa’aatii 1:00 hanga 1:30 gidduutti ganda naannawa magaalaa Adaamaatti argamu keessatti wanta isa mudate seeneessuun miseensonni eegumsaa kunneen rakkina irraan gahuu dubbateera. Jiraataan kun galgala sana iftuu (shaamaa) bitachuuf gara suuqii osoo imalaa jiruu karaarratti miseensonni milishaa “machaa’an lamaan qabamee dararamuu hima. “Miseensonni lameen kun machaa’anii akka turan haasaa fi gocha isaan raawwataniin ni beeksisa. Kufuuf gatantaraa kan turan,” jedhe.

Jiraataa kana erga isa dhaabsisanii booda sodaachisoo fi arrabsoo garaagaraa irraan gahu ibseera. “Battala ani isaan biraan darbaa turetti na dhaabsisuun sababa tokko malee sodaachisoo fi arrabsoo ulfaataa narraan gahaniiru,” jedhe. 

Miseensonni kunneen tika nageenyaa ta’uu isaanii osoo hin ibsin sodaachisoo fi arrabsoo eegaluu kan himu jiraataan aanaa Adaamaa kun, lamaan keessaa tokko qottoo harka isaatti qabate turetti quba qabuun “qottoo kanaan si kukkuta,” jechuun sodaachisoo fi doorsisa irraa gahuu himata. “Battaluma sanatti namoonni ganda sanaa sagalee keenya dhagahan dhufanii garmalee waan dheekkamaniin osoo hin jaalatiin na gadhiisan,” jedhe. 

Qaamoleen nageenyaa naannichatti bobbaafamuun nageenya hawaasaatif barbaachisaa ta’uu kan hime jiraataan kun, haata’u malee bifa hawaasa biraatiif fakkeenya ta’uu fi naamusa ogummaa kabajeen socho’uu akka qaban ibsa. 

Mudannoon kun jiraataa kanarratti qofa kan mudate akka hin taane fi godinaalee naannoo Oromiyaa baay’ee keessatti kan mudachaa jiru ta’uu jiraattotni biroo Addis Standarditti himaniiru. 

Jiraataan Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaashamannnee Addis Standard dubbise kan biraa humnoonni nageenyaa kunneen dhiibbaa sirrii hin taane ummata irraan gahaa jiraachuu ibseera. Miseensonni milishaa kunneen buufata sakatta’iinsaa (keellaatti) daldaltoota irraa humnaan qarshii gaafatu odeeffannoo jedhu daldaltootarraa dhagahuu himeera. 

Qaamni olaanaa hojii fi oolmaa isaanii sirnaan to’atuu fi gamaaggamu jiraachuu qabas jedha. “Qaamoleen kunneen miidhaa hin barbaachifne hawaasa irraan gahaniif itti gaafatamuu qabu,” jedhe.

Tsagaayeen [maqaan sababa nageenyaaf kan jijjiirame] magaalaa Shaggar Aanaa Burraayyuutti daldalaa uffataa yoo ta’u, miseensonni milishaa seensa fi bahaa (keellaa) sakatta’an seera dahoo godhachuun “badii malee” qarshii kan gaafatan ta’uu hime. Daldalaan kun “iddoo keellaa hundatti milishaadhaaf birrii yoo hin kenniin darbuun rakkisaa ta’eera,” jedha. “Keellaa tokko tokkotti xiqqaatu birrii 200 gadi hin fudhatan,” kan jedhu Tsagaayeen, haalli kun hojii isaarratti dhiibbaa kan fide ta’uu ibseera. 

Jiraataa Godina Harargee Bahaa magaalaa Harar kan biraa yaada isaanii Addis Standarditti kennan rakkooleen godinaalee Oromiyaa biroon eeraman kunneen naannoo isaanittis jiraachuu mirkaneessuun, “miseensonni milishaa kunneen uummata irratti mootummaa xixiqqoo ta’aniiru,” jedhan. 

“Mootummaan kaayyoo nageenya eegsisuuf qaamolee nageenyaa kana bobbaasuun isaa kan deeggaramu ta’uus uummatni yeroo dararamuu cal jedhe ilaalu hin qabu” kan jedhan jiraataan kun, mootummaan naannichaa raawwii qajeelcha milishaa naannichaa deebi’ee akka ilaalu fi kanneen uummata dararaa jiran seeraan akka gaafataman akka taasisu gaafataniiru. 

Dhimma kana ilaalchisee yaada akka laatan Addis Standardiin kan gaafataman hogganaa Biiroo Nageenya Oromiyaa Araarsaa Mardaasaan, deebii gabaabaa bilbilaan kennaniin “komii hawaasaa kana hordofuun tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhanna,” jedhan. 

Akkasumas, Qajeelchi Poolisii Godina Shawaa Bahaa gama isaatiin deebii Addis Standardiif laateen, “himatni kanaan walqabatee kanaan dura nu bira gahe hin jiru,” jechuun namoonni himata akkasii qaban buufata poolisiitti qaamaan dhiyaachuun yoo himatan kan qulqullaa’uuf ta’uu ibseera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button