DHIMMA HAWAASAAODUUSIYAASA

Oduu: Naannolee 3 keessatti humni ibsaa addaan cituun haleellaa hidhattoonni raawwataniin ta’uu himame

Finfinnee, Bitootessa 06, 2024 – Naannoolee sadii keessatti addaan cituu humna ibsaa kan mudate sababa haleellaa hidhattoonni Faannoo ofiin jedhan gaggeessaniin ta’uu komishiniin poolisii naannoo Amaaraa ibse.

Poolisiin naannicha ibsa guyyaa kaleessaa baaseen, magaalota naannichaa hedduufi naannolee Affaariifi Tigraay keessaa humni ibsa addaan cituu kan danda’e sababa humnoonni hidhattoota naannoo Amaaraa kuni buufata humna ibsaa rasaasaan rukutaniif ta’uu beeksiseera,

Humnoonni kunneen sarara ibsaa Baahirdaarii kaasee – Dabra Taaboorii- Nifaas Mawcaa- Gaashinaafi Alaamaxaa darbe Maqalee galu humna 230 Kiiloovooltii qabu rasaasaan rukutaniif humni ibsaa addaan cituu himameera.

Rakkoo humna ibsaa kanaan dura naannichatti ture daran hammeessuun jireenya ummata naannichaa “dukkanatti galchuu” ta’uu ibsi poolisii kuni qeeqeera.

Daddarbiinsi humna ibsaa addaan cituun magaalota hedduutti humni ibsaa addaan cituu Korporeeshinii Elektirika Itoophiyaa mirkaneesseera.

Hojigaggeessaan suphaa humna elektiriikaa naannoo lixaa Obbo Wubat Abbee akka himanitti, humnoonni kunneen guyyaa kaleeesaa naannoo sa’aatii 4:30tti buufata daddarbiinsa elektirkaa tokkorratti haleellaa raawwachuun addaan kutuun sararri gara Maqalee dhaqu addan cituu himaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun, sararri ibsaa Dabra Birhaan – Shawaa Roobiit- Kombolchaa geessu addaan cituu daayreekatrri olaanaa naannichaa Obbo Badruu Ahmad beeksisaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Akka Badruun jedhetti, magaalaotni fi aanaaleen naanoo Affaariifi Tigraay human ibsaa dhabuu himaniiru.

Sararoota kanneen suphuun hatattamaan tajaajila eegalsiisuuf hojjatamaa jiraachuu humni elekktirikaa naannichaa ifoomseera. AS

Related Articles

Back to top button