ODUUSIYAASA

Oduu: Waltahiinsa Asmaraa ABO fi mootummaa Itoophiyaa gidduu ture kan diige mootummaa Itoophiyaati: ABO

Finfinnee, Guraandhala 08/2024 – Walga’ii idilee 14ffaa Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Guraandhala 06 gaggeesse irratti haasawaa Ministira Muummee Abiy Ahimad (PhD) taasisan “dhugaa lafarra jiru kan haaludha” jechuun Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) qeeqe. 

Paartichi walga’ii mana maree bakka bu’oota uummataa Kibxata gaggeeffame hordofee ibsa baaseen, Ministirri Muummee Abiy dhimma waliigaltee mootummaa Itoophiyaa fi ABO gidduu bara 2018 Asmaraatti taasifame ilaalchisee haasawaa taasisan sirrii akka hin taane ibseera. 

MM Abiy Ahimad haasawaa isaaniin, gaaffilee “marii araaraa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasifamu ifa miti, Asmaraa irraa yeroo galanis waadaa galameefi ture maal fa’i” jedhan ka’uu eeruun, “Asmaraatti haasaa fi marii addaa hin turre. ABOnis amma biyya galee nagayaan hojiisaa hojjetaa jira, waltahiinsi diigamees hin jiru,” jedhanii turan.

ABOn gama isaatiin, ibsa kaleessa baaseen, waliigalteen ABO fi mootummaa Itoophiyaa gidduu Hagayya 2018 Asmaraatti ta’e diigamuu ibseera. 

“Waltahiinsa kan diige mootummaa Itoophiyaa MM Abiy hoggananiidha,” jedhe. ABOn waliigalticha yeroos ture yoo yaadachiisu, “akka waliigaltee kanaatti hariiroon Qabsoo Bilisummaa Oromoo, ABO fi Itophiyaa gidduu hariiroo lolaa tahuu waliif hubatame. Hariiroon lolaa kun dhumatee hariiroo nagaan gaaffii siyaasaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffachuuf irratti waltahame. Kanaafis kan duraa humnootiin hidhatanii jiran humnoota nageenyaa mootummaa Itoophiyaa dabalatee waan tahuu qaban irratti haasawamee waliif galame,” jedhe.

Bara 2018 hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo fi mootummaan Itoophiyaa [Pireezdaantii Naannoo Oromiyaa duraanii Lammaa Magarsaa fi Barreessaa Olaanaa IGAD ammaa Warqinah Gabayyootin bakka bu’amu] Asmaraatti yeroo walargan, humnoonni nageenyaa mootummaa loogii malee heera fi seera biyyattii kabajanii hundaaf akka tajaajilanii fi waraana ABO jalatti ijaaramee jiru (WBO) kan ilaaluun ABOn yeroo biyya galu Koree Waloo waliin ijaaruun sirna fi seera addunyaan ittiin humnoota hidhatanii jiran ittiin sirna tokko waliin wal fudhachiisu hordofamee akka xumuramu waliigaluu isaanii ibseera, ABOn.

Haata’u malee, ABOn Asmaraa irraa gara biyyaa osoo hin galiin WBO irratti duula jalqabamuu kan eere ibsi ABO baase kun, “isa kana sirreessuu fi akka waltahiinsa keenyaatti xumuruuf yaaliin karaa dhaabaa fi Abbootii Gadaa godhame bal’aa tahus fashalaa’e” jechuun yaadachiise. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ergasii waajjiraalee dhaabichaa hedduu cufamuu fi saamamuu kan eere ABOn, “waajjira Gullallee keessaa hooggana olaanaa dabalatee hundi humna poolisiin Finfinnee keessaa baafamanii hanga har’aa namni akka hin seenne poolisiin waajjira dura taa’ee tiksa,” jedhe. Kana malees, hoggantootni olaanoo dabalatee miseensonni dhaabichaa hedduu “seeraan ala hidhamanii dararamaa kan jiran” ta’uus kaaseera.

Adeemsa bu’aa ba’ii dhaabichi isa mudachaa jiru kan eere Addi Bilisummaa Oromoo, “dhugaa kana haaluun Ministirri Muummee Abiy Ahimad ‘ABOn amma biyya galee nagayaan hojiisaa hojjetaa jira, waltahiinsi diigamees hin jiru’ jechuun isaanii sirrii miti. Namoota dhaaba keessaa of baasan yoo ta’e malee, hoogganootni ABO mootummaa waliin aangoo qooddatanii hojiitti jiranis hin jiran,” jedhe. AS

Related Articles

Back to top button