ODUUSIYAASA

Oduu: Mariin araaraa mootummaa fi WBO gidduu adeemsifamu akka itti fufu dhaabbileen siiviilii dubartootaa gaafatan 

 Finfinnee, Guraandhala 08/2024 – Falmiin hidhannoo mootummaa Itoophiyaa fi qaamolee hidhatan gidduutti barootaaf gaggeeffamaa ture dhaabbatee rakkoon siyaasaa biyyattii karaa nagaatiin mariidhaan akka furamu Dhaabbileen Siiviilii Dubartootaa ibsa waloo kaleessa baasaniin gaafatan.

Dhaabbileen Siiviilii Dubartootaa lakkoofsaan 15 ta’an ibsa isaaniin, sababa walitti bu’iinsa hidhannoo humnoota mootummaa fi qaamolee hidhatan gidduutti gaggeeffamuun uummanni biyyattii keessumaa dubartoonni miidhamaa jiraachuu eeruun, “mariin ABO-WBO waliin marsaa lamaaf gaggeeffamee waliigaltee malee xumurame yeroo gabaabaa keessatti itti deebi’amee waliigaltee fi araarri waaraa akka uumamu,” gaafataniiru.

“Mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi ABO-WBO’n wal dhabdee yeroo dheeraa gidduu isaanii tureefi balaa guddaa qaqqabsiise kana mariidhaan furuuf murteessanii mariitti seenuu isaanii guutummaatti ni deggerra,” kan jedhan dhaabbileen siiviilii kunneen, mariin jalqabame “gufuu tokko malee waan kaayyeffatee jalqabame fiixaan baasee akka xumuramuuf” gahee irraa eegamu raawwachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, marii nageenyaa mootummaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) waliin Piriitooriyaatti, akkasumas Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin Taanzaaniyaatti gaggeesse irratti dubartoonni kan hin hirmaanne ta’uu eeruun “mariiwwan egeree biyya kanaa murteessuu danda’an” gara fuulduraatti gaggeeffamuuf jiran keessatti hirmaannaan dubartootaa xiyyeeffannoo akka laatamuuf dhaamaniiru.

Bakka waldhibdeen dhukaasa dabalate jiru kamittiyyuu dubartootni “miidhamoo adda duree, akkasumas walakkaa uummata biyyattii” ta’uu kan eeran dhaabbileen kunneen, “biyyi kamiyyuu walakkaa miseensota biyyashee utuu hin hirmaachisiin guddina hunda galeessa galmeessisuu akka hin dandeenye hubachuudhaan, qaamni biyyattii keessatti hojii hiika

qabu hojjechuu barbaadu kamuu bifa hirmaannaafi qooda fudhattummaa dubartootaa ol kaasuu danda’uun karoorfachuufi hojjechuu qabu,” jedhan. 

Waldhabdee waggoota shanan darbaniif Oromiyaa goolaa jiruuf furmaata laachuuf kaayyeeffatee mariin nagaa mootummaa federaalaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu marsaa lamaaf Taanzaaniyaatti gaggeeffame waliigaltee malee xumuramuu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ergasii fashaluu marii araaraa kanaaf qaamoleen lamaan wal himachaa turaniiru. 

Tibbana xumura walga’ii Paartii Badhaadhinaa ilaalchisee EBC waliin turtii kan taasisan Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, mootummaan marii nageenyaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin eegalamee waliigaltee malee goolabame itti fufsiisuuf kutannoo akka qabu dubbachuun isaanii ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button