ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Manni marichi Ministira Itti-aanaa dabalatee muudama ministiroota sadi raggaase

Finfinnee, Guraandhala 08/2024 – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaa’ii idilee 15ffaa har’a gaggeesseen Daayirektara Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa duraanii Tamasgeen Xirunah itti aanaa Ministira Muummee taasisuun muude.

Kana malees, Manni Marichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’aa dhaabbataa Itoophiyaa kan turan Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee Ministira Dhimma Alaa taasisuun muudeera. Dabalataanis, Dr. Maqdas Dhaabaa bakka Dr. Liyaa Taaddasaatti bu’uun Ministira Fayyaa ta’uun akka tajaajilan muudama isaanii raggaaseera.

Torbee darbe keessa Obbo Dammaqaa Mokonniin bakka bu’uun Pireezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaa ta’uun kan muudaman Obbo Tamasgeen, waraana Tigraay booda jijjiirraa damee nageenyaa MM Abiy Ahmad taasisaniin, Sadaasa 2020tti Daayirektara Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa ta’uun muudamuun isaanii ni yaadatama.

Obbo Tamasgeen bulchiinsa MM Abiy Ahimad keessatti namoota adda durummaan maqaan isaanii ka’u keessa tokko yoo ta’an, Hagayya 2023 irraa eegalee ammoo itti gaafatamummaa dabalataan komaandii poostii labsii yeroo muddamaa naannoo Amaaraa to’atu hoogganaa turaniiru. 

Baatii Waxabajjii 2019 keessatti ajjeechaa prezidaantii naannoo Amaaraa duraanii Ambaachoo Mokonniin dabalatee aanga’oota olaanoo naannichaa sadi irratti raawwatame hordofee Pireezidaantii naannichaa ta’uun gara aangoo sadarkaa olaanaatti kan dhufan Obbo Tamasgeen, sana duras gorsaa nageenyaa MM Abiy Ahimad ta’uun tajaajilaniiru. 

Obbo Tamasgeen har’aa eegalee yeroo dheeraadhaaf Ministira Itti-aanaa biyyattii kan turan Dammaqaa Mokonniin bakka bu’uun kan tajaajilan ta’uu ibsameera. 

Yeroo dheeraadhaaf Mummee Ministira Itti-aanaa Itoophiyaa ta’uun kan tajaajilanii fi Sadaasa 2020 irraa eegalee itti gaafatamummaa dabalataan Ministira Dhimma Alaa biyyattii ta’uun kan tajaajilan Obbo Dammaqaa Mokonniin Amajjii 26 eegalee aangoo mootummaa fi paartii irraa gaggeeffamuu isaanii Addis Standard gabaase ture.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Guyyaa har’a Ministira Fayyaa ta’uun kan muudaman ogeettii ulfa, gadaamessa fi da’umsa haadholii Dr Maqdas, kanaan dura hospitaala Phaawuloositti ogeettii ulfa, gadaamessa fi da’umsa haadholii ta’uun tajaajilaniiru. Kana malees, bara 2022 keessatti Itoophiyaa keessatti dubartii jalqabaa leenjii karoora maatii fi fayyaa hormaataa xumuran ta’uu danda’aniiru. 

Akkasumas, Pireezidaantii Waldaa Ogeessota Gadaamessaa fi Da’umsaa Haadholii Itoophiyaa (ESOG) ta’uun tajaajilaa turan. Yeroo muudama ammaa kana fudhataniis, Waajjira Itti Aanaa Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti hoggantuu garee ta’uun tajaajilaa turan.

Sadaasa bara 2021 keessatti badhaasa FIGO jedhamuus injifataniiru. AS

Related Articles

Back to top button