ODUUSIYAASA
Trending

AMMEE: Obbo Dammaqaa Mokonniin aangoo mootummaa fi paartii irraa gaggeeffaman

Finfinnee, Amajjii 26/2024 – Yeroo dheeraadhaaf Mummee Ministira Itti-aanaa Itoophiyaa ta’uun kan tajaajilanii fi Sadaasa 2020 irraa eegalee dabalataan Ministira Dhimma Alaa biyyattii ta’uun kan tajaajilan Obbo Dammaqaa Mokonniin har’aa eegalee gitoota hojii lamaan irraa gaggeeffamuu isaanii maddi dhimmichatti dhiyeenya qabu Addis Standarditti himaniiru.  

Kana malees, Amajjii 22, 2024 eegalee walga’ii isaa gaggeessaa kan jiru koree giddu galeessaa paartii Badhaadhinaa walga’ii har’a gaggeesseen sagalee guutuudhaan isaan gaggeessuu isaa beeksiseera. Bakka isaaniis miseensa koree hojii raawwachiisaa paartichaa kan ta’an Obbo Tamasgeen Xurunah Pireezdaantii Itti aanaa gochuun filateera.

Obbo Dammaqaan hundeeffama dhaabichaa bara 2019 irraa eegalee hanga har’aatti Pireezdaantii Itti aanaa paarichaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.

Hojiin federaalaa Obbo Dammaqaa Mokonniin bara 2008 yeroo Ministira Muummee duraanii Mallas Zenaawiin Ministira Barnootaa ta’uun kan eegale yoo ta’u, hanga bara 2013tti sababa baay’ina hojiitin hanga gadhiisanitti itti gaafatamummaa kanaan tajaajilaa turaniiru. Ministira Barnootaa ta’uu isaaniin duras yeroo garagaraatti Komishinara Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Amaaraa, hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa naannichaa, akkasumas bara 2005 hanga 2008 Pireezidaantii Itti aanaa fi hogganaa biiroo Ijaarsa Humna Namaa naannoo Amaaraa ta’uun tajaajilaniiru. 

Kana malees, yeroo bulchiinsa Ministira Mummee duraanii Haayilamaariyaam Dassaalany keessatti bara 2012 Ministira Mummee Itti-aanaa Itoophiyaa ta’anii muudaman irraa kaasee hanga har’aa itti gaafatamummaa kanarra turan.

Obbo Dammaqaan, paartii biyya bulchaa jiru, Badhaadhinaa, erga hundeeffamee kaasee pireezdaantii itti aanaa paartichaa ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, paarticha kan gadhiisan ta’uu fi dhabuu isaa ifa hin taane.
Obbo Dammaqaan, kanaan dura Dura Taa’aa Paartii Dimokraatawaa Amaaraa (ADP) fi Itti Aanaa Dura Taa’aa Adda Dimokraatawa Warraaqsa Ummata Itoophiyaa (EPRDF) ta’uun hanga Muddee 2019 diigamutti tajaajilaa turaniiru. Erga Paartiin Badhaadhinaa hundeeffamee as Itti Aanaa Pireezidaantii dhaabichaa turan. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button