DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Abbootiin hundeeffama “Sinoodoosii Oromiyaa Teessoo Pheexiroos” labsuu isaanii hordofee hidhaman mana murtii dhiyaatan

Finfinnee, Amajjii 26/2024 – Abbootiin amantaa hundeeffama Sinoodoosii Oromiyaa “Teessoo Pheexiroos” jedhamu labsuu isaanii hordofuun Kibxata galgala magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Malkaa Noonnootti to’annoo jala oolan kaleessa mana murtii sadarkaa jalqabaa kutaa magaalaa Malkaa Noonnootti dhihaachuun yeroo qorannoo dabalataa guyyoota 10 irratti kennamuu VOAn abukaatota isaanii wabeeffachuun gabaaseera. 

Abbootiin amantaa kunneen Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaatti Qulqulluu Sinoodoosii waliin garaagarummaan gidduu isaanii kan uumame turuu fi garaagarummaan sun ammas kan itti fufee ta’uu kan ibsan qindeessitoota hundeeffama “Sinoodoosii Oromiyaa Teessoo Pheexiroos” keessaa tokko kan ta’an barsiisaa Akililuu Alamuu, lakkoofsi namoota mana hidhaatii argaman sagal gahuu himan.

“Waajjira Sinoodoosii Oromiyaa Teessoo Abuna Pheexiroos akkuma hundeessinetti abboota sadii fi namoota abboota duuba jiran jaha, walumaagalatti namoota sagal qabaniiti waajjira poolisii kutaa magaalaa Malkaa Noonnootti galchan. Abboonni kunniin hanga ammaatti abukaatoo isaanii waliin qunnamuufis hayyama hin arganne. Furmaanni laatameefis hin jiru,” jedhan.

Abukaatota isaanii keessa tokko kan ta’an Yohaannis Getaahun VOAf akka himanitti, maamiltoonni isaanii kaleessa mana murtii dhiyaataniiru. “Poolisiin abboota kunneen abukaatoo isaanii ala mana murtii sadarkaa 1ffaa kutaa magaalaa Malkaa Noonnoo dhiyeessee guyyaa qorannoo 14 gaafate keessaa guyyaa 10 eeyyamameefi beellama jijjiiramaa kenname,” jedhan. 

Adeemsa hundeeffama isaa waggaa darbe eegaleen walqabatee mana amantaa Orotodoksii Itoophiyaa keessatti raafama guddaa kan uume Sinoodoosiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa Amajjii 23 teessoo Pheexiroos jedhamuun ifatti hundeeffamuu abbootiin kunneen ibsuun isaanii ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button