DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Sinoodoosiin “Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa Teessoo Pheexiroos” ifatti hundeeffamuu abbootiin ibsan

 Finfinnee, Amajjii 23/2024 – Adeemsa hundeeffama isaa waggaa darbe eegaleen walqabatee mana amantaa Orotodoksii Itoophiyaa keessatti raafama guddaa kan uume Sinoodoosiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa har’a Amajjii 23/2024 eegalee teessoo Pheexiroos jedhamuun ifatti hundeeffamuu abbootiin sochii kana keessa jiran ibsaniiru.

“Uummanni Oromoo Sinoodoosii ofii hundeeffachuuf mirga uumamaa qaba,” kan jedhan abbootiin kunneen, ammaa booda “Sinoodoosiin kiiloo shan buufatee jiru [Sinoodoosii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa] mana kiristaanaa Oromiyaa bakka kan hin buune ta’uu beeksifna” jedhan.

Hundeeffama Sinoodoosichaa ilaalchisuun dureewwan amantichaa har’a ibsa kennaniiru. Ibsa geezexeessitootaaf barreeffaman kan dhiheessan Angafni Phaaphaasii Kutaa Lallabaa Wallagga Lixaa Abuna Gabri’eel, ‘Afaan keenyaan barachuu fi waaqeffachuuf baroota dheeraaf dhorkamne” jedhan.

“Afaan keenyaan barachuu fi waaqeffachuuf bara hedduuf gaafannuus, Sinoodoosii fi Mana Lubummaa Waliigalaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa biraa deebii dhabne. Kanaanis Amajjii 14 bara 2015 Sinoodoosii Oromiyaafi Saboota fi Sablammootaa hundeessuuf dirqamne,” jedha ibsi har’a laatame.

“Jaarsummaa mootummaatiin dubbii kana araaraan fixuu fi gaaffii keenyaaf deebiin akka kennamu waliigallus Sinoodoosii fi Manni Lubummaa Waliigalaa Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gowwomsaa raawwachuun gaaffii keenyas ukkaamsanii,” jedhan abbootiin har’a ibsa laatan.

Sinoodoosii fi Manni Lubummaa Waliigalaa Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa “humnaan bataskaana irraa nu uggure, mirga bilisummaan waaqeffachuu keenyas sarbee, abboonni Sinoodoosii Oromiyaa uummata isaanii akka hin tajaajilles godhe” kan jedhan abbootiin kunneen, “uummanni Tigraay Sinoodoosii ofii qaba, akkasuma uummanni Amaaraas Sinoodoosii isaaf ta’u qaba, uummanni Oromoo maaliif dhorkamaa?” jechuun gaafatu.

Sinoodoosiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa Teessoo Pheexiroos ifatti hundeeffamuu kan labsan abbootiin amantichaa, “amantoonni cinaa dhaabbatanii tajaajila manneen kiristaanaa Oromiyaa keessatti kennamu akka tumsan, mootummaanis hundeeffamuun Sinoodoosichaa gaaffii uummataa ta’uu hubachuun tumsa akka taasisuuf” waamicha dhiyeessaniiru. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Baay’ina abbootiin amantichaa hundeeffama kana keessa jiran, akkasumas tarkaanfii gara fuulduraa isaanii ilaalchisee bal’inaan hin ibsamne. Kana malees, hanga gabaasni kun qindaa’utti gama Sinoodoosii Itoophiyaa irraa deebii ykn ibsi laatame hin jiru.

Dudduubee

Waggaa tokko dura muudama phaaphaasota 26 “seeraan alaa” jedhamee balaaleffatame godina Shawaa Kibba Lixaa, aanaa Soddoo Daaccee, magaalaa Walisoo mana amantaa Ortodoksii Haaroo Ba’aala Waldi jedhamutti raawwatame hordofee Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa keessatti rifannaa fi walfalmiin uumuu yeroos Addis Standard bal’inaan gabaase ture.

Angafa phaaphaasii Mana Lubummaa Shawaa Kibba Lixaa kan ta’an qulqullummaa isaanii Abuna Saawiroos (PhD) fi angafa phaaphaasota lama biroon kan raawwatame muudamni phaaphaasota 26: mana amantaa naannoo Oromiyaa keessatti argamaniif phaaphaasota 17, fi phaaphaasonni sagal ammoo mana amantaa Oromiyaan alatti argamaniif kenname hirmaannaa Qulqulluu Sinodosii malee mana amantaa Haaroo Ba’aala Walditti raawwatame hordoftoota amantichaa hedduu biratti rifannaa fi dheekkamsa bal’aa uume ture.

Qulqullummaa isaanii Abuna Saawiroos muudama raawwatame booda murtee Phaaphaasota 26 muudaman irratti ibsa dheeraa kan kennan yoo ta’u, rakkoo yeroo dheeraa mana amanticha keessatti amantoota afaan dhalootaa isaaniitiin tajaajiluu dadhabuu fi aadaa isaanii irraa adda baafamuu waggoota darban keessa keessumaa Oromiyaa fi naannoo Kibbaatti amantoota miliyoonaan lakkaa’aman akka dhaban taasiseef furmaata kennuun kaayyeeffatame kan raawwatame ta’uu ibsan.

Paatraarikii Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa kan ta’an qulqullummaa isaanii Abuna Maatiyaas tokkoffaa, walga’ii ariifachiisaa guyyaama san waamaniin, muudama phaaphaasotaa gocha “seeraan alaa” eeyyama Qulqulluu Sinodosii malee raawwatame jechuun, “taatee guddaan waldaa irratti aggaamame” osoo hin eegamiin, beekamtii Sinodoosii ala, akkasumas marii malee raawwatameera jedhan.

Qulqulluun Sinoodosii Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahdoo walga’ii atattamaa Amajjii 26, 2023 gaggeesseen, Phaaphaasoota Hangafaa sadii kanneen muudama Ephisqophosoota 26 irratti hirmaatan aangoo guutuu kennameef irraa haquuf murtee dabarseera. Murteen maqaa fi aangoo haquun Qulqulluu Sinodoosichi dabarses Ephisqophosoota 26 Angafa Phaaphaasii sadaniin muudaman keessaa 25 irrattis darbeera.

Qulqulluun Sinodoosiin ibsa baaseen aangoo Angafa Phaaphaasii sadan kaleessa irraa eegalee haqee; Maqaa lubummaa malee maqaa idilee duraaniitiin akka waamaman, yaa’ii guutuu Sinodosii Qulqulluutiin akka balaaleffatamanii fi sochii mana amantichaa irraa adda kan ba’an ta’uu ibseera.

Ergasii dhimma hiriira balaaleeffannaa muudama abbootii 26 kunneen guutuu biyyattiitti gaggeessuuf yaalame irratti mootummaa fi Qulqulluu Sinoodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tewahdoo Itoophiyaa gidduu waldhabdeen hammaatee hanga lubbuun hordoftoota amantichaa darbutti gahame ture. 

Waldhibdee abbootii Sinoodoosii Ortodoksii Itoophiyaa fi abbootii amantichaa Sinoodoosii Oromiyaa hundeessan gidduu ture, giddu seentummaa mootummaatin araaraan furame ture. Araara yeroos tureen, Abuna Saawiroos dabalatee abbootiin muudama keessa hirmaatan dhiifama gaafachuun gara Sinoodoosii Ortodoksii Itoophiyaatti deebi’aniiru. 

Haata’u malee, dhimma hojiirra oolmaa waadaa lallaba afaan Oromoo dagaagsuu fi kanneen biroo Sinoodoosiin Ortodoksii Itoophiyaa adeemsa araaraa keessa seene ture raawwachuu dhabuun walqabatee komiin garagaraa ka’aa tureera. AS 

Related Articles

Back to top button